Tajaajila Keenya Guddisuuf Carraaqqii Cimaa Gochuu
1 Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni karaa Waaqayyoorra akka adeemaniifi ‘caalchisanii akka itti fufan’ gorseera. (1 Tas. 4:1) Kana jechuun maal jechuudha? ‘Tajaajila keenya guutummaatti raawwachuuf carraaquudhaan,’ yeroo hundumaa karaa hojii hafuuraa baay’ee itti hojjennu barbaaduu qabna jechuudha.—2 Xim. 4:5.
2 Hawwii: Tajaajila keenya guddifachuuf akka carraaqnu kan nu kakaasu hawwii Uumaa keenya caalaatti tajaajiluuf qabnudha. Tajaajila keenya fooyyessuufi karaa hafuuraa guddachuuf mala barbaanna. Karoora gaariifi hawwii sirrii ta’e qabaachuun galmawwan hafuuraa keenyarra ga’uuf nu gargaara.—Far. 1:1, 2; Filp. 4:6; Ibr. 10:24, 25.
3 Tajaajila keenya guddifachuuf hojjechuun, amala kennuufi aarsaa godhanii of dhiheessuu qabaachuu gaafata. Amalli akkasii fakkeenya Yesus isa gaariirratti kadhannaadhaan xiinxaluudhaan kan argamudha. (Mat. 20:28) Yesus yommuu lafarra ture, warra kaan tajaajiluudhaan gammachuu guddaa argateera. (HoE. 20:35) Namoota dhuunfaatti jaallachuufi carraa tajaajila keenya guddifachuuf qabnutti fayyadamuuf dammaqoo ta’uudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya.—Isa. 6:8.
4 Ga’ee Warraa: Warri ijoolleensaanii warra kaan tajaajiluufis ta’e tajaajilasaanii guddifachuuf, xinnummaadhaa kaasanii hawwii akka qabaatan gochuu danda’u. Ijoolleen carraaqqiifi hirmaannaa miseensonni maatiisaanii tajaajilasaanii guddifachuuf godhan ni hubatu. Obboleessi tokko, xinnummaasaatii kaasee akaakayyuusaa wajjin sochiiwwan gumiirratti hirmaachuusaatiin kan ka’e tajaajilasaa guddifachuuf kaka’eera. Carraaqqii akaakayyuunsaa godhuufi gammachuu inni qabu ilaaluunsaa obboloota tajaajiluuf karaa akka barbaadu isa kakaaseera. Obboleessi kun yeroo ammaatti tajaajilaa gumiiti.
5 Obboloonni Ni Barbaachisu: “Namni ilaaltuu hojii waldaa kristiyaanaa ta’uu fedhu . . . , hojii ba’eessa hawwa.” (1 Xim. 3:1) Jechoonni kun, obboloonni jaarmiyaa Yihowaa keessatti mirga tajaajilaa dabalataatiif ga’eessa ta’uuf akka carraaqan isaan jajjabeessu. Kana gochuun ogummaa ykn dandeettii addaa kan gaafatu miti. Obboleessi tajaajilasaa guddifachuu barbaadu tokko, yaadasaa Mootummaa Waaqayyootti hidha; akkasumas tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaata. (Mat. 6:33; 2 Xim. 4:5) Warra kaaniif fakkeenya gaarii ta’uuf carraaqqii godha.
6 Addunyaa Mara: Yihowaan hojiin namoota walitti qabuu ariitiidhaan akka hojjetamu gochaa jira. (Isa. 60:22) Warri fakkeenya Yesus hordofan hundi ariitiidhaan tajaajilasaanii caalaatti raawwachuunsaanii barbaachisaadha. Gabaasni tajaajilaa 2006 addunyaa maratti namoonni 248,327 akka cuuphaman ibsa. Kana jechuun giddu galeessaan namoonni haaraan 680 ta’an guyyaa guyyaatti ni dabalamu jechuudha. Hundi keenya karaa itti tajaajila keenya guddifachuu dandeenyu barbaaduu keenya itti haa fufunu!