LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/07 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Fulbaana 10 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 17 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 24 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 1 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2007
km 9/07 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Yaadachiisa: Tajaajilli Mootummaa ji’oota Walga’iin Koonyaa itti geggeeffamanitti sagantaa torbee hundaa qabatee ba’a. Gumiiwwan Walga’ii Koonyaa “Kiristos Duukaa Bu’aa!” jedhurratti obboloonni akka argamuu danda’aniif haala mijeessuun barbaachisaadha. Kan danda’amu taanaan, Walga’ii Koonyaa gochuuf torban tokko yommuu isin hafu Walga’ii Tajaajilaa gootanirratti daqiiqaa 15 ramaduudhaan gorsaafi yaadawwan naannoo keessaniif hojiirra ooluu danda’uufi Tajaajila Mootummaa kanarratti argamu irra deebi’aa. Walga’ii Koonyaatiin ji’a tokko ykn lama booddee, sagantaa Walga’ii Tajaajilaarratti daqiiqaa 15 hanga 20⁠tti fayyadamuudhaan, qabxiiwwan ijoo ta’aniifi walga’icharratti dhihaatan (tarii sagantaa gumiif akka barbaachisaa ta’etti itti fayyadamaa jedhurratti) keessaa qabxiiwwan gaarii babal’istoonni tajaajilarratti itti gargaaramuu danda’an maalfaa akka ta’an ibsi. Irra deebiin kun ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaachuu qaba. Barumsa walga’icharraa argatan hojiirra oolchuufi tajaajilarratti itti hojjechuuf akkamitti akka karoorfatan yaada akka kennan dhaggeeffattoota gaafadhu.

Torban Fulbaana 10 Jalqabu

Faarfannaa 97 (217)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Torban dhufu Tajaajila Mootummaa Hagayya 2007⁠rratti hundaa’uudhaan kutaa mareen irratti godhamu kan dhihaatu ta’uusaa yaadachiisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Hagayya 1fi Dammaqaan! Fulbaana 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Barruuleen lamaanuu kan raabsamu ta’uyyuu isa tokko qofa beeksisa.

Daq. 15: Saanduqa Gaaffii. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun jaarsaan kan dhihaatu. Yeroo qabaannaan, caqasoota yaannisaanii hin kaa’amne dubbisuudhaan irratti mari’adhaa.

Daq. 20: “Fakkeenya Yesus Duukaa Bu’aa.” Fakkeenya gaarii obboloonni argisiisanirraa akkamitti akka fayyadaman yaada akka kennan dhaggeeffattoota afeeri.

Faarfannaa 53 (130) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 17 Jalqabu

Faarfannaa 83 (187)

Daq. 5: Beeksisa gumii.

Daq. 20: “Ulfina Argisiisuudhaan Kiristos Duukaa Bu’aa.” Tajaajila Mootummaa Hagayya fuula 5, akkasumas qabxiilee barbaachisaa “Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa” jedhurratti hundaa’uudhaan maree barreessaa gumiitiin dhihaatu.

Daq. 20: Obboloota Tokkummaa Qaban. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu boqonnaa 16⁠rratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhihaata.

Faarfannaa 56 (135) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 24 Jalqabu

Faarfannaa 70 (162)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: Ji’a Onkoloolessaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Tiraaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? Jedhamutti Gargaaramaa. Ji’a Onkoloolessaatti barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! raabsina. Namni haasofsiifne fedhii kan qabu taanaan, tiraaktii kanatti fayyadamnee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu dandeenya. Tiraaktii tokko tokko obboloonni keessumsiistota ta’an dhaggeeffattootaaf akka hiran erga gootee booda, marii gabaabaa irratti godhaa. Tiraaktii kana jalqaba ykn deddeebii gaaffii yeroo goonutti gartokkoosaa ykn guutummaa tiraaktichaa nama haasofsiisne sanaa wajjin irratti mari’achuun akka danda’amu ibsi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Hagayya 1fi Dammaqaan! Fulbaana 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Hojiin argisiisa isa tokkorratti nama barruulee fudhachuu dideef yeroo tiraaktii kennuuf kan argisiisu haata’u. Hojiin argisiisa isa tokkorrattimmoo, nama barruulee fudhateef, babal’isichi tiraaktii kennuufiidhaan fuula 5⁠rra yaada jiru waliin mari’atu. Achiis deebi’ee yeroo dhaqu Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaaf kan isa gargaaru, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fiduufii akka danda’u itti hima.

Faarfannaa 100 (222) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Onkoloolessa 1 Jalqabu

Faarfannaa 20 (45)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Fulbaanaa akka deebisan yaadachiisi.

Daq. 15: Waggaa Darbetti Maal Raawwanne? Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa sochii gaarii godhamerratti xiyyeeffachuudhaan tajaajila waggaa darbee irra deebi’a. Sochii tajaajilaa gumichi godheef galateeffadhu. Waggaa dhufu wanta gumichi irratti xiyyeeffachuu qabu tokko ykn lama caqasi. Sochii qajeelchitootaa caqasiitii, hojii gaarii raawwataniif isaan galateeffadhu. Obboloota karaa sochii hafuuraa dadhabanii turan jajjabeessuuf tattaaffii taasifameen bu’aa argame dubbadhu.

Daq. 20: “Tajaajila Keenya Guddisuuf Carraaqqii Cimaa Gochuu.” Yaadawwan obboloota karaa tajaajilaa galma baafataniin akka gaariitti hojjechaa jiran itti dabalii dhiheessi; carraa argataniin tajaajilasaanii babal’ifachuuf carraaqqii gochuusaanii akkamitti akka itti fufan akka dubbatan afeeri. Babal’istoota lama ykn tokko yaada akka kennaniif dursanii qopheessuun ni danda’ama.

Faarfannaa 2 (4) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi