Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Fulbaana: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Onkoloolessa: Barruuleefi tiraaktii Lak. 26 (Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa?); Sadaasa: Dammaqinaan Eegaa!; Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu ykn Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? (Amaariffa).
◼ Jiini Fulbaanaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Addis Ababaafi magaalota biroo keessatti lakkoofsa babal’istootaa dabalaa adeemuu wajjin haala wal qabateen, qajeelfama kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu fuula 104, keeyyata 1rratti, naannoo tajaajilaa isaanii kennamerratti hojjechuu, obboloota keenyaafi namoota naannoo tajaajilaa keessatti argannuuf akka isaaniif yaannu argisiisuu akka qabnu ibsa. (1 Qor. 14:40) Haalli kun keessumaa bakka gumiin hedduun Galma Mootummaa tokkotti gargaaramanitti baay’ee barbaachisaadha. Haala adda ta’een walga’iin tajaajila dirree, Galma Mootummaatti kan godhamuufi Galmi Mootummaa naannoo tajaajilaasaanii ala yoo ta’ellee, babal’istoonni Galmi Mootummaa naannoo tajaajilaasaanii amma hin taanetti, bakka kanatti namoota haasofsiisuun sirrii miti. Haala akkasiitiin obboloonni garagaraa namoota naannoo kana keessatti argaman irra deddeebi’anii haasofsiisuudhaan kan ka’e, obboloota naannoo tajaajilaa kana fudhatan amma rakkisutti ga’eera.
◼ Sadaasa 26, 2007 jalqabee, Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamutu Qayyabannaa Kitaabaa Gumiirratti qayyabatama. Sagantaansaas Tajaajila Mootummaa kanaa wajjin ergameera.
◼ Gumiiwwan jildii Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! 2007, Indeeksii Masaraa Eegumsaa 2007, akkasumas Wochtaawar Laayibirarii—2007, CD-ROM dhaan ajaja barreeffamaa ittaanutti gaafachuu danda’u. Wochtaawar Laayibirariin—2007 kun miseensota gumii warra cuuphaman qofaaf karaa gumii kan ergamu ta’uusaa isin yaadachiisna.
◼ Sagantaan viidiyoo Jehoovaas Wiitnasis—Oorgaanaayizid tuu Sheer za Guud Niwuus jedhamu, Walga’ii Tajaajilaa ji’a Muddeetti irratti mari’atama. Viidiyoo kana argachuu yoo barbaaddan atattamaan karaa gumii keessanii ajajuu dandeessu.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa yookiin namni inni ramade, herrega gumii ji’a Waxabajjii, Adoolessaafi Hagayya sakatta’uu qaba. Kun godhamee yeroo raawwatutti, gabaasa herregaa ittaanuu wajjin gumiif beeksifamuu qaba.—Qajeelfama Galmee Herrega Gumii (S-27) ilaali.