LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/07 ful. 3
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Yeroodhaan Nyaata” Argachaa Jirtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Miidiyaawwan Kutaa 2 Keessatti Argaman
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Miidiyaawwan Kutaa 1 Keessatti Argaman
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Hojjetaa Amanamaafi Ogeessi Eenyudha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 9/07 ful. 3

Saanduqa Gaaffii

◼ “Hojjetaa amanamaafi ogeessi” garee Dhugaa Baatota ofiin geggeeffamaniifi Caaffata Qulqullaa’oorratti qorannaa ykn falmii gochuuf walitti qabaman ni deggeraa?—Mat. 24:45, 47.

Hin deggeru. Haata’u malee, biyyoota addaddaa addunyaa maratti argamanitti miseensonni jaarmiyaa keenyaa muraasni, dhimmoota Macaafa Qulqulluu wajjin wal qabatanirratti qorannaa walaba ta’e gochuuf jecha garee tokko gurmeessaniiru. Isaan keessaa tokko tokko Hiikni Addunyaa Haaraa sirrii ta’uusaa mirkaneessuuf jecha Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaafi Giriikirratti qorannaa godhu. Warri kaanimmoo yaadawwan Macaafa Qulqulluu saayinsii wajjin walitti dhufeenya qaban qoratu. Yaadasaanii wal jijjiiruufis ta’e wal amansiisuuf Weebsaayitiifi chaat ruumii W jedhamutti fayyadamu. Wanta qoratan dhiheessuufi barumsawwan walga’ii Kiristiyaanaa keenyarratti dhihaataniifi barreeffamoota keenyarratti ba’anirratti yaada dabalataa kennuuf walga’iiwwan ni godhu, akkasumas barreeffamoota ni qopheessu.

Addunyaa maratti sabni Yihowaa karaa walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan gurguddaa akkasumas karaa barreeffamoota jaarmiyaa Yihowaatiin qophaa’aniin qajeelfamaafi jajjabina hafuuraa baay’ee argatu. Yihowaan karaa hafuurasaafi Dubbiisaa isa dhugaarratti hundaa’ee, sabnisaa hundi ‘yaada tokkoofi tokkummaadhaan’ ‘amantiitti akka dhaabaman’ godha. (1 Qor. 1:10; Qol. 2:6, 7) Dhugumayyuu qophiiwwan hafuuraa Yihowaan guyyoota gara dhumaa kanatti nuu godheef ni galateeffanna. Kanaafuu, “hojjetaa amanamaafi ogeessi” barreeffamoota, walga’iiwwaniifi Weebsaayitii qajeelfamasaatiin hin qophoofne kamiyyuu hin deggeru.—Mat. 24:45-47.

Namoonni tokko tokko misiraachoo deggeruuf hubannaasaaniitti fayyadamuuf barbaaduunsaanii kan isaan galateeffachiisudha. Haata’u malee, qorannaan dhuunfaatti godhamu kamiyyuu, wanta Yesus Kiristos karaa gumiisaa isa lafarraa yeroo har’aa hojjechaa jirurraa yaada keenya jal’isuu hin qabu. Jaarraa jalqabaatti Phaawulos ergamaan waa’ee dhimmawwan dadhabsiisoofi yeroo guban kan akka ‘hidda qomoo isa dhuma hin qabne lakkaa’uu akka dhiisaniifii Wanti isaan godhan kun falmii kaasuu malee, akeeka Waaqayyoo isa amantiidhaan fudhatamu sanaaf akka hin hojjenne’ ibsee ture. (1 Xim. 1:3-7) Kiristiyaanonni hundi ‘waliin morkii gowwootaa, hidda dhalootaa lakkaa’uu, wal loluu, waa’ee seeraa irratti wal qoccoluu, wanta waa’ee hin baasne, gatiis hin qabne irraa fagaachuuf’ carraaquu qabu.—Tit. 3:9.

Namoota qayyabannaafi qorannaa Macaafa Qulqulluu dabalataa gochuu barbaadaniif kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Hubachuu, “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha,” jedhamaniifi barreeffamoota keenya kan biraa, kan akka kitaaba Macaafa Qulqulluu Raajii Daani’el, Isaayaasiifi Mul’ataa ibsan akka qoratan isaan jajjabeessina. Barreeffamoonni kun Macaafa Qulqulluu qayyabachuufis ta’e irratti xiinxaluuf barumsa baay’ee kan nuu kennan yommuu ta’u, kunis ‘fedha Waaqayyoo hubannee ogummaa hundumaan qalbifannaa hafuurri qulqulluun kennuunis akka guutamnuuf, jireenya gooftaadhaaf ta’u jiraachuu, yeroo hundumaa waan isatti tolu gochuu, hojii gaarii ta’e hundumaatti ija godhachuu, Waaqayyoon beekuuttis guddachuu akka dandeenyuuf’ nu gargaara.—Qol. 1:9, 10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi