LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/07 ful. 1
  • Warra Hiyyeessa Ta’an Jajjabeessaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra Hiyyeessa Ta’an Jajjabeessaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
Tajaajila Mootummaa—2007
km 10/07 ful. 1

Warra Hiyyeessa Ta’an Jajjabeessaa

1 Yesus warra hiyyeessotaaf guddaa yaada ture. Yeroo baay’ee warra beela’an dinqiidhaan nyaachiseera, warra dhukkubsatanis fayyiseera. Haata’u malee, kaayyoonsaa inni guddaan hiyyeessotaaf “misraachoo” lallabuu ture. (Mat. 11:5) Tajaajilli Kiristiyaanonni yeroo har’aa kennan hiyyeessotas ta’e warra kaan ni fayyada.—Mat. 24:14; 28:19, 20.

2 Abdii Dhugaa: Tajaajiltoonni Saba Kiristiyaanaa, miseensonnisaanii mana sagadaatiif baay’ee yoo kennan, akka sooroman isaan abdachiisu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun hiyyummaa kan balleessuufi rakkoowwan ilmaan namootaa hunda kan hiiku Mootummaa Waaqayyoo qofa akka ta’e barsiisa. (Far. 9:18; 145:16; Isa. 65:21-23) Wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hiyyeessota barsiisuudhaan, abdii akka qabaataniifi wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisu akka guuttatan isaan gargaarra.—Mat. 5:3.

3 Fariisonni bara Yesus turan hiyyeessota kan tuffatan yommuu ta’u, amhaareetis ykn “namoota lafaa” jedhanii waamuudhaanis tuffiisaanii argisiisu turan. Haata’u malee, Yesus “dhiigni isaanii” ykn lubbuusaanii “gati-jabeessa” akka ta’etti ilaala ture. (Far. 72:13, 14) Nuyis fakkeenya Yesus duukaa bu’uudhaan, hiyyeessotaaf ‘garaa laafuu,’ gadduufi rakkoowwan isaan mudatuuf akka isaanii yaannu argisiisuu dandeenya. (Fak. 14:31) Namoota hiyyeeyyii ta’an tuffachuus ta’e isaaniif lallabuurraa gonkumaa gara booddeetti jechuu hin qabnu. Namoonni misiraachoo Mootummichaa fudhatan baay’een hiyyeessotadha.

4 Hiyyeessota Gargaaraa: Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hiyyeessota barsiisuun keenya, yeroo ammaas rakkina hiyyumni isaanitti fidu akka xiqqeessan isaan gargaara. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun machii, qumaara, dhibaa’ummaa, tamboo xuuxuufi gochawwan garabiraa hiyyuma fidan ni dhorka. (Fak. 6:10, 11; 23:21; 2 Qor. 7:1; Efe. 5:5) Caaffanni Qulqullaa’oon amalawwan hojjettootarraa barbaadaman kan akka amanamummaafi “garaa guutuudhaan” hojjechuu akka qabaannu nu jajjabeessu. (Qol. 3:22, 23; Ibr. 13:18) “Ulaagaalee hojjechiiftonni namoota qacaruu barbaadanirraa eegan keessaa inni guddaan amanamummaafi abbaa dhugaa ta’uu” akka ta’e qorannaan tokko ibseera.

5 Yihowaan namoota hiyyummaa keessa jiraniif ni yaada. Yeroo dhihootti Yesus Kiristos ‘warra dhabanii isatti iyyan’ ni fayyisa. (Far. 72:12) Hamma kun ta’utti garuu hiyyeessota dabalatee, warra kaan abdii Macaafa Qulqulluutiin jajjabeessuuf mirga arganneerra.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi