LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/07 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Onkoloolessa 8 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 15 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 22 Jalqabu
  • Torban Onkoloolessa 29 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 5 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2007
km 10/07 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Onkoloolessa 8 Jalqabu

Faarfannaa 26 (56)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1fi Dammaqaa! Fulbaana 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Barruuleen lamaanuu hojiin argisiisa tokkoo tokkoorratti wal faana kennamuu qabu.

Daq. 20: Jaarmiyaa Yihowaatti Maxxanaa Jiraadhaa. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu boqonnaa 17⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Daq. 15: Uumaa Keessaniif Ulfina Fiduudhaaf Galma Baafadhaa. Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2004 ful. 21-23⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni galmawwan hafuuraa akkamii akka baafataniifi galmasaaniirra ga’uuf maal gochaa akka jiran akka dubbatan afeeri. Namoota yaada kennan tokko ykn lama dursii qopheessi.

Faarfannaa 5 (10)

Torban Onkoloolessa 15 Jalqabu

Faarfannaa 31 (67)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.

Daq. 20: Dhugaan Bartoota Keessan Keessatti Ija Godhachaa Jiraa? Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2005, ful. 28-30⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Gaaffiiwwan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhu keessatti argaman ilaalcha barattootaa akka barru akkamitti nu gargaaruu akka danda’an dabalii ibsi. Boqonnaa 1, keeyyata 19; boqonnaa 2, keeyyata 4; boqonnaa 3, keeyyata 24; akkasumas boqonnaa 4, keeyyata 18 akka fakkeenyaatti ibsi. Babal’istoonni kutaawwan addaddaa kitaaba kanaa akka gaariitti akka itti gargaaraman jajjabeessi.

Daq. 15: Ni Yaadattaa? Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2007, ful. 19⁠rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Faarfannaa 64 (151)

Torban Onkoloolessa 22 Jalqabu

Faarfannaa 78 (175)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15fi Dammaqaan! Onkoloolessa 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: Akka Ijoollee Ifaatti Deddeebi’uu Keessan Itti Fufaa. Haasawaafi gaafannoodhaan kan dhihaatu. Biyya lafaa isa dukkanaa’aa kana keessaa baanee ifa Yihowaatiin deddeebi’uuf murteessineerra. (Efe. 5:8, 9) Kana gochuun keenya jireenya fooyya’aafi kaayyoo qabu jiraachuuf nu dandeessiseera. (1 Xim. 4:8) Kana malees, ifni kun abdii nuu kenneera. (Rom. 15:4) Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuufi akka qabaatanitti itti fufuuf jecha babal’istoota rakkoowwan gurguddaa yeroo gara dhugaatti dhufan mo’an lama ykn sadiif gaafannoo godhi. Rakkina akkamiitu isaanirra ga’ee ture? Rakkoowwan kana mo’uu kan danda’an akkamitti? Yeroo ammaa jireenyisaanii gammachiisaa kan ta’e karaa kamiinidha? Dhugaa keessatti jabaatanii akka dhaabatan kan isaan gargaare maalidha? Dhaggeeffattoonni hundi dhugaa dinqisiifachuufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban guddifachuusaanii akka itti fufan jajjabeessuudhaan xumuri.—2 Phe. 1:5-8.

Faarfannaa 21 (46)

Torban Onkoloolessa 29 Jalqabu

Faarfannaa 17 (38)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Onkoloolessaa akka deebisan yaadachiisi. Barruulee ji’a Sadaasatti raabsamu beeksisuudhaan hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.

Daq. 15: “Sadaasatti Dammaqaa! Maxxansa Addaatu Raabsama!” Qabiyyee Dammaqaa! ji’a Sadaasaa gabaabsii ibsi. Achiis gaaffiifi deebii dhaggeeffattootaa wajjin taasifamuun dhiheessi. Yommuu keeyyata 3⁠rratti mari’attan akkaataa dhiheenyaa naannoo keessaniif mijaa’aa ta’anitti fayyadamuudhaan, Dammaqaan Kun yommuu raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa kana deddeebii gaaffiitiif haala mijeessuudhaan xumuri.

Daq. 20: “Warra Hiyyeessa Ta’an Jajjabeessaa.” Yommuu keeyyata 2⁠rratti mari’attan yaada Dammaqaa!, Onkoloolessa 2003, ful. 14fi 15⁠rra jiru dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 83 (187)

Torban Sadaasa 5 Jalqabu

Faarfannaa 67 (156)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Ijoollee Keessan Ogummaa Waaqayyootiin Eeguu Kan Dandeessan Akkamitti? Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2005, ful. 23-27⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu.

Daq. 20: “Jajjabina Walirraa Argachuu.” Daawwataan olaanaa aanaa yommuu gumiisaanii daawwatu jajjabina akkamii akka argatan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Namoota yaada kennan tokko ykn lama dursanii qopheessuun ni danda’ama.

Faarfannaa 30 (63)

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi