‘Akka Warra Ogeessotaatti Deddeebi’aa’
1 Yesus namoonni qurxummii qaban afur duuka buutotasaa akka ta’an yommuu isaan gaafate, “achumaan . . . isa duukaa bu’an” malee murteessuuf yeroo hin fudhanne. (Mat. 4:18-22) Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos inni nama Xarsees tures, yommuu Kiristiyaana ta’eefi ijisaa banameefitti ‘utuu hin turin manneen sagadaa keessatti Yesusiin lallabe’ malee, murteessuuf har’a bor hin jenne. (HoE. 9:20) Yeroon utuu walirraa hin citin fiiga; takkaa darbinaan barabaraaf hin argamu. Akkaataa yeroo keenya itti fayyadamnuun, ‘akka namoota ogeessa ta’aniitti deddeebi’uun’ barbaachisaa kan ta’es kanaafi.—Efe. 5:15, 16.
2 Yeroofi Walitti Dhufuu: Carraan har’a Yihowaa tajaajiluuf qabnu bor jiraachuu dhiisuu danda’a. (Yaq. 4:14) Eenyuyyuu wanta ‘yeroofi walitti dhufuun’ fidurraa ooluu hin danda’u. (Lal. 9:11, 1899) Kana malees, hundi keenya ni dulloomna; “barri hamaan” dullumaa wajjin wal qabatee dhufus tajaajila Yihowaarratti wanta hojjechuu dandeenyu nu jalaa daangessa. Sirna ammaa kana keessatti wanti kun kan hin oolledha. (Lal. 12:1) Kanaafuu, yeroo ammaa utuu Waaqayyoof of hin murteessiniifi hamma nuu danda’ame tajaajila keenya hin guddifatin dura hamma haallisaa nuu mijaa’utti eeguun sirrii miti. (Luq. 9:59-62) Abrahaam guutummaatti Yihowaadhaaf waan of kenneefi jireenyasaa sirriitti waan itti fayyadameef, umriisaa gara boodaatti nageenya argatee “dulloomee baras quufee” du’e.—Uma. 25:8.
3 Yeroon Kun Dhumuuf Jedha: Kana malees, “yeroon si’anaa kun dhumuu” waan ga’eef, yeroo keenya sirriitti itti fayyadamuu barbaanna. (1 Qor. 7:29-31) Sirni hamaan kun dhiheenyatti ni bada. Carraan yeroo midhaan ‘biyya lafaa kana itti haaman’ jechuunis hojii namoota hoolotatti fakkeeffaman sassaabuurratti hirmaatan inni guddaan ni dhaabata. (Mul. 14:15) Yaaddoon jireenyaafi wantoonni yaada namaa hiran, yeroo akka gaariitti tajaajilarratti dabarsinu akka nu jalaa hin saamne of eeggannoo gochuu qabna. (Luq. 21:34, 35) Hojii midhaan sassaabuu kanarratti guutummaatti hirmaachuu keenya beekuuniifi gara booddeetti deebinee wanta kana yaaduun akkam nama gammachiisa!
4 Mirgi tajaajilaa nuu dhihaateefi gammachiisaa ta’e kun akka nu hin darbine yeroo hundaa dammaqoo ta’uu qabna. ‘Har’uma’ Yihowaa tajaajiluuf waan nuu danda’ame hunda gochuuf haa murteessinu. (Ibr. 3:13) “Namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” waan jedhameef, kana gochuudhaan dhugumaan ogeeyyii ta’uu keenya ni argisiifna.—1 Yoh. 2:17.