LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/07 ful. 1
  • Warra Kaanitti Waa’ee Abdii Mootummichaa Himna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra Kaanitti Waa’ee Abdii Mootummichaa Himna
  • Tajaajila Mootummaa—2007
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abdii Kee Cimsadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yihowaa Eeggachuudhaan Ija Jabeeyyii Ta’aa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Abdii Dhugaa Eessaa Argachuu Dandeessa?
    Dammaqaa!—2004
  • Abdiin Kee ni Raawwatama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2007
km 11/07 ful. 1

Warra Kaanitti Waa’ee Abdii Mootummichaa Himna

1 Guyyoota gara dhumaa yeroo rakkisaa ta’an kanatti, namoonni baay’een abdii hin qaban. (Efe. 2:12) Warri kaanimmoo dogoggoraan amanannaasaanii qabeenya, bulchitoota ilmaan namootaa, saayinsii ammayyaafi k.k.f. irra kaa’atu. Abdii dhugaa gara fuulduraa qabaachuu keenyatti baay’ee gammanna; abdiin kunis ‘amanamaadhaa fi cimaa lubbuu qabatee dhaabatudha.’—Ibr. 6:19.

2 Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti, lafti gara jannataatti jijjiiramti. Michuuwwan keenya warri du’an ni ka’u. (HoE. 24:15) Hiyyummaan, firdii jal’isuun, dhukkubni, dullumniifi duuti hin jiraatu. (Far. 9:18; Mat. 12:20, 21; Mul. 21:3, 4) Wantoonni kun abdiiwwan Yihowaan kenneefi dhiheenyatti raawwataman keessaa muraasadha. Keessumaa abdii nuu kenname keessaa inni kam yommuu raawwatamu arguu hawwita?

3 Misiraachoo Lallabaa: Abdii Mootummichaa ofuma keenyaaf qofa hambifachuu hin qabnu. Jaalalli Waaqayyoofi namootaaf qabnu Yesusiin fakkaachuudhaan, ‘sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf, warra booji’amanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf’ nu kakaasa. (Luq. 4:18) Phaawulos ergamaan gabaafi bakka namoonni argaman hundaatti misiraachoo lallabeera. Phaawulos tajaajilatti qabamee ture. (HoE. 18:5) Fakkeenya inni hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaachuudhaan nuu kaa’e hordofuun keenya, ‘yaaddoon biyya lafaafi gowwoomsaan soorumaa’ abdii keenya akka nu jalaa hin dukkaneessine nu gargaara.—Mar. 4:19.

4 Abdiin Mootummicharratti qabnu namoota dantaa hin qabneen, ergaa Mootummichaa akka laayyootti ilaalaniin ykn mormaniin hin dukkanaa’u. “Abdii keenya beeksisuutti jabaannee in qabamna.” (Ibr. 10:23) ‘Wangeelatti hin yeellaanu.’ (Rom. 1:16) Amantiin keenyaafi jabaannee dhaabachuun keenya yeroo booda namoonni tokko tokko akka nu dhaggeeffatan isaan kakaasuu danda’a.

5 Haalli biyya lafaa inni manca’aan kun raawwii raajii Macaafa Qulqulluu ta’uusaa akka hubatan gochuun keenya sirrii yoo ta’eyyuu, nuyi badiisa lallabna miti. Kanaa mannaa, tajaajilli keenya misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo, jechuunis abdii Mootummichaarratti kan xiyyeeffatedha. ‘Abdii hamma dhumaatti hin mamsiifne’ qabaachuu yoo barbaanne, Misiraachoo kana amantii cimaafi hinaaffaadhaan haalallabnu.—Ibr. 6:11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi