Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Sadaasa 12 Jalqabu
Faarfannaa 43 (98)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 1fi Dammaqaan! Onkoloolessa 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu. Kan beeksifamu isa tokko qofa ta’uyyuu lamaansaaniitu raabsama.
Daq. 15: Haasawaa “Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa” ykn “Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa” (walga’ii gumiin keessan jalqaba godhu filuudhaan kutaa walga’ichaaf qophaa’e dhiheessi, kutaa inni hafemmoo yeroo ittaanutti dhihaata). Guyyaa walga’iin koonyaa itti geggeeffamu beeksisi.
Daq. 20: “Akka Warra Ogeessotaatti Deddeebi’aa” Yeroo qabaannaan, caqasoota yaannisaa hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri.
Faarfannaa 81 (181)
Torban Sadaasa 19 Jalqabu
Faarfannaa 100 (222)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Barreeffama ji’a Muddeetti raabsamu erga beeksistee booda, hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuu Hin Sodaatinaa!” Keeyyata 5rratti yeroo mari’attan, obboloota namoota isaan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisan keessaa gara dhugaatti dhufan qaban yaada akka kennan gaafadhu. Macaafa Qulqulluu qayyabachuutti namoota guddina argisiisaa adeeman qayyabsiisuun hammam nama gammachiisa! Babal’istoota lama ykn tokko yaada akka kennaniif dursanii qopheessuun ni danda’ama.
Faarfannaa 23 (48)
Torban Sadaasa 26 Jalqabu
Faarfannaa 76 (172)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Sadaasaa akka deebisan yaadachiisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Onkoloolessa 15fi Dammaqaan! Sadaasa 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: Jaalala Keessan Bal’isuu Ni Dandeessuu? Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2007, ful. 9-11rratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu.
Daq. 20: Dargaggootaa, Yihowaa Jajachuu Kan Dandeessan Akkamitti? Gaaffiiwwan qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2005, ful. 26-28, key. 15-19rra jirutti fayyadamuun mareedhaan kan dhihaatu. Keeyyata 18rratti yeroo mari’attan, dargaggoonni gumicha keessa jiran, barattoota wajjin barataniif ykn barsiisotasaaniitiif akkamitti dhugaa akka ba’an akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 35 (79)
Torban Muddee 3 Jalqabu
Faarfannaa 34 (77)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Beeksisa Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Mataduree Saanduqa Gaaffii jedhu irra deebi’aa.
Daq. 15: Mana Barumsaa, Barattoota Namoota Addunyaa Maraatti Argamaniif Bu’aa Argamsiisan Leenjisu. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 2006, ful. 10-13rratti hundaa’ee haasawaadhaan kan dhihaatu. Jaarsa ykn tajaajilaa gumii Leenjii Mana Barumsaa Tajaajiltootaaf kennamurratti hirmaatanii turaniif gaafannoo gabaabaa gochuudhaan itti dabalii dhiheessi. Lallaba wangeelaatiin, hojii tiksummaa raawwataniifi barsiisaa ta’uudhaan akka guddataniif manni barumsichaa kan isaan gargaare akkamitti? Obboloonni ga’umsa qaban Mana Barumsaa Tajaajiltootaa galanii leenji’uudhaaf galma akka baafatan jajjabeessi.
Daq. 15: “Warra Kaanitti Waa’ee Abdii Mootummichaa Himna.” Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri.
Faarfannaa 38 (86)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.