Sagantaa Haaraa Walga’ii Aanaa
Yihowaan ulfina argachuun isaaf ta’a. Yihowaadhaaf ulfina kennuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni tokko tokko Yihowaadhaaf ulfina kennuuf jecha rakkoowwan akkamii isaan mudataniiru? Warri yeroo ammaa Waaqayyoof ulfina kennan eebbaawwan akkamii argatu? Sagantaan walga’ii aanaa waggaa tajaajilaa 2008 gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa kenna. Matadureen walga’ii kanaa, “Waanuma Hojjettan Hundumaa Ulfina Waaqayyoof Hojjedhaa” kan jedhu ta’a. (1 Qor. 10:31) Barumsa hafuuraa gaggaarii guyyaa lamaaf barannu kanarratti wanta nuu dhihaatu yaadaa.
Daawwataan olaanaa koonyaa matadureewwan “Waaqayyoof Ulfina Kennuu Kan Qabnu Maaliifi?” jedhuufi “Wantoota Waaqayyo Isinirraa Barbaadu Raawwachuudhaan Fakkeenya Gaarii Ta’aa” jedhaniin haasawaa dhiheessa. Haasawaa sabaa “Namoonni Waaqayyoof Ulfina Kennan Eenyufa’i?” jedhuufi haasawaa xumuraa “Addunyaa Maratti Tokkummaadhaan Waaqayyoof Ulfina Kennuu” jedhu dhiheessa. Akkasumas sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii geggeessa. Daawwataan olaanaa aanaa, matadureewwan “Ulfina Waaqayyoo Argisiisuutti Gammadaa,” “Wantoota Aanichaaf Barbaachisaniif Xiyyeeffannaa Kennuu” akkasumas, “Dhugaatti Jabaadhaa Dhaabadhaa” jedhuufi 2 Phexros 1:12rratti hundaa’e dhiheessa. Kana malees, mataduree “Qajeelchaa Ta’anii Tajaajiluun Waaqayyoof Ulfina Fida” jedhu baranna. Simpooziyamii mataduree “Jireenya Keenya Hundumaan Waaqayyoof Ulfina Kennuu” jedhuufi nama dadammaqsu lamaan keessaa inni jalqabaa, hiika guddaa jechoonni 1 Qorontos 10:31irra jiran qaban ibsa. Simpooziyamiin “Tajaajila Qulqulluu Dhiheessuudhaan Yihowaa Jajachuu” jedhu kallattii waaqeffannaa keenyaa addaddaarratti xiyyeeffata. Gaafa Dilbataa, caqasa guyyaa guyyaa qoruufi yaadawwan ijoo Masaraa Eegumsaatu nuu ibsama. Kana malees, cuuphaan jiraachuu danda’a.
Ilmaan namootaa baay’een Waaqayyoon amananii fudhachuu didaniiru. Namoonni baay’een Yihowaadhaaf ulfina kennuu akka hin yaanneef karoorawwan ilmaan namootaatiin qabamaniiru. (Yoh. 5:44) Haata’u malee, nuti gorsa “Waanuma Hojjettan Hundumaa Ulfina Waaqayyoof Hojjedhaa” jedhu akkamitti akka hojiirra oolchuu dandeenyu yeroo fudhannee barachuun keenya faayidaa akka qabu ni amanna. Sagantaawwan arfan walga’ii kanaarratti argamuufi guutummaatti fayyadamuuf karoorfadhu.