Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Sadaasa: Dammaqinaan Eegaa!; Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu ykn Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? (Amaariffa); Amajjii: Dammaqinaan Eegaa!; Guraandhala: Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
◼ Jiini Muddee Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan, namoota aadaawwan addaddaa qabaniifi amantiiwwan tokko tokko hordofaniif dhugaa ba’uuf fayyadan baay’een jiru. Maqaa barreeffamoota kanaa tajaajilaa barreeffamaarraa argachuun ni danda’ama.
◼ Hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruuf bakka walga’ii koonyaatti buusiin cheekiidhaan kennamu, akkasumas warri waajjira dameetti ergan, “Yeyihowa Misikiroch” jedhamee akka kaffalamu ibsuu qabu.
◼ Babal’istoonni kanaan booda tokkoon tokkoon qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ji’a tokko keessatti geggeessan foormii Gabaasa Qayyabannaa (S-3) jedhamurratti guutuu isaan hin barbaachisu. Haata’u malee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessan garaagaraa foormii Gabaasa Tajaajila Dirree (S-4) jedhamurra bakka duwwaa jirurratti guutama. Foormiin S-3 jedhamu baay’ina namoota gumiirratti argaman guutuudhaaf qofa itti fayyadamna.