LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/07 ful. 5
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2007
Tajaajila Mootummaa—2007
km 12/07 ful. 5

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Muddee 31, 2007 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Sadaasa 5 jalqabuu hanga Muddee 31, 2007⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa.

MALA H.

1. Xumurri haasawaa keenyaa bu’a qabeessa akka ta’uuf wanti yaadatti qabachuu qabnu maalidha? [be ful. 220 key. 4–221 key. 3]

2. Wanti tajaajilarratti dubbannu sirrii ta’uusaa mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 223 key. 2-4]

3. Walga’iiwwan gumiirratti haasawaa yeroo dhiheessinu, ga’ee gumiin “utubaa fi demdemoo dhugaa” ta’uudhaan raawwatu akka hubanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Xim. 3:15) [be ful. 224 key. 1-4]

4. Odeeffannoon dhi’eessinu sirrii ta’uusaa mirkaneessuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 225 key. 1-2]

5. Yeroo barsiisnu, barumsi keenya dhaggeeffattootaaf salphaatti akka galu gochuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 226 key. 3–227 key. 1]

HAASAWAA LAK. 1

6. Macaafni Yoonaas sirrii ta’uusaa kan mirkaneessu maalidha? [si p. 153 par. 3]

7. Raajii Miikiyaas isa kamtu bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo isa Yesus Kiristosiin geggeeffamu ibsa? [si p. 158 par. 18]

8. Macaafni Anbaaqom geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffame ta’uusaa kan mirkaneessu maalidha? [si p. 161 par. 4]

9. Yihudoonni Dh.K.D. bara 520⁠tti kaayyoo boojuudhaa deebi’aniif hin raawwanne kan jennu maaliifi? (Hag. 1:4) [si p. 166 par. 3]

10. Guyyaa guddaan Zakaariyaas irra deddeebi’ee caqase maalidha? [si p. 172 par. 26]

DUBBISA M.Q.

11. Raajiin Yo’el weerara ilbiisotaa ilaalchisee dubbate jaarraa jalqabaatti kan raawwatame akkamitti? Yeroo har’aattoo kan raawwatamaa jiru akkamitti? (Yoe. 2:1-10, 28) [w07 10/1 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaada Ijoo Macaafa Yo’eliifi Amos”]

12. ‘Guuboon ija mukaa bilchaataa baatu’ maal kan argisiisudha? (Amo. 8:1, 2) [w07 10/1 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaada Ijoo Macaafa Yo’eliifi Amos”]

13. Yihowaan ‘wanta hamaa warra Nanawweetti fiduuf dubbate kan dhiise’ maaliifi? Kanarraa barumsa maalii arganna? (Yon. 3:10) [w03 7/15 ful. 17-18]

14. Maqaa Yihowaatiin deddeebi’uu jechuun maal jechuudha? (Mik. 4:5) [w03 8/15 ful. 17 key. 19]

15. Yihowaan bara keenyatti firdii kennuuf gara “mana qulqullummaa” kan dhufe yoomiifi akkamitti? (Mal. 3:1-3) [re ful. 32 saanduqa; jd ful. 179 key. 3–ful. 181 key. 6]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi