Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Muddee 10 Jalqabu
Faarfannaa 21 (46)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 6rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1fi Dammaqaan! Sadaasa 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 20: Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2008. Haasawaa ilaaltuu olaanaa mana barumsichaatiin dhihaatu. Qabxiilee gumichaaf barbaachisan miiltoo Tajaajila Mootummaa Onkoloolessa 2007rraa dhiheessi. Ga’ee gargaaraa gorsa kennaan qabu ibsi. Hundumtuu kutaa kennamuuf dhimmanii akka qophaa’an, yaada ijoo Macaafa Qulqulluu kennuurratti akka hirmaatan, akkasumas yaadawwan kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti Kennamurraa Fayyadami jedhamurraa torbee torbeedhaan dhihaatan hojiirra akka oolchan jajjabeessi.
Daq. 15: “Warra Abdii Kutatan Jajjabeessaa.” Muuxannooan gumii keessaa argame tokko ykn lama haadhihaatu.
Faarfannaa 14 (34)
Torban Muddee 17 Jalqabu
Faarfannaa 88 (200)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Hundumtuu viidiyoo Jehovaas Wiitnasis—Orgaanaayizd tuu Sheer za Guud Niiwus jedhamu, maree torban Walga’ii Tajaajilaarraa torban Muddee 31 jalqabu godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi.
Daq. 15: “Hinaaffaadhaan Tajaajiluu Keenya Itti Fufuu Qabna.” Babal’isaa tajaajilaaf hinaaffaa qabuun beekamaa ta’e tokkoof gaafannoo godhi. Gaaffilee gaafattuun: Hinaaffaa godhachuuf carraaqqii akkamii sigaafate? Hinaaffaa qabduun akka itti fuftu kan sigargaare maalidha?
Daq. 20: “Barruulee Dhugaadhaaf Dhugaa Ba’an Raabsaa.” Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2006, ful. 8rratti hundaa’anii akka yaada kennan gaafadhu. Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! ji’a Sadaasaa ykn Muddee dubbisanii akka dhufaniif dhaggeeffattoota jajjabeessi. Maree torban dhufu geggeeffamuuf barreeffamoota kana fidanii akka dhufan itti himi.
Faarfannaa 59 (139)
Torban Muddee 24 Jalqabu
Faarfannaa 94 (212)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Barreeffama ji’a Amajjiitti raabsamu beeksisi.
Daq. 15: Barreeffamoota Haaraa Ba’an Raabsuuf Qophaa’uu. Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! ji’a Sadaasaa ykn Muddee 2007rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin geggeeffamu. Tokkoon tokkoon barreeffama kanaarratti ibsa gabaabaa erga kennitee booda, matadureen kam naannoo tajaajilaasaaniitiif mijaa’aa akka ta’e dhaggeeffattoota gaafadhu. Barreeffama raabsuuf jedhan ilaalchisee yaada itti fayyadamuu barbaadan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuu qabna? Barreeffama kana keessaa caqasa kam dubbisuu qabna? Caqasichi yaada barreeffamichaa wajjin kan walsimu akkamitti? Akkaataa dhiheenyaa salphaa Tajaajila Mootummaarra jiru ykn dhaggeeffattoonni kennanitti fayyadamuudhaan, tokkoon tokkoon barreeffamoota kanaa akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haadhihaatu.
Daq. 20: “Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuuf Galma Baafadhaa.” Namoota dhiheenyatti Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban tokko ykn lamaaf gaafannoo godhi. Qayyabannaa kan jalqaban akkamitti? Qayyabannaa kanaan guddina akkamii argisiisaa jiru?
Faarfannaa 8 (21)
Torban Muddee 31 Jalqabu
Faarfannaa 41 (89)
Daq. 5: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Muddee akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 20: Bu’aa Wantoota Hafuuraa Hordofuun Argamsiisu. Haasawaa Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2004, ful. 3-7rratti hundaa’uudhaan dhihaatu.
Daq. 20: “Duula Lallabaa Guddaa Addunyaarratti Geggeeffame Hunda Caalu!” Viidiyoo Jehovaas Wiitnasis—Orgaanaayizd tuu Sheer za Guud Niiwus jedhamu argisiisanii firoota, namoota isaan beekan, namoota deddeebi’anii gaafataniifi warra Macaafa Qulqulluu qayyabsiisanirraa yaada gaarii argatan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 90 (204)
Torban Amajjii 7 Jalqabu
Faarfannaa 71 (163)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa ykn mataduree Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2005, ful. 26-29rraa, “Buusii Garaa Waaqayyoo Gammachiisu” jedhutti fayyadamaa.
Daq. 25: Warra Kan Taatan Ijoolleen Keessan Yaada Garaa Gaarii Akka Qabaatan Godhaa. Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2003, ful. 23-27rratti hundaa’ee, gaaffilee irra deebii barbaachisaa ta’anitti fayyadamuudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu.
Faarfannaa 83 (187)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.