LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/08 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Amajjii 14 Jalqabu
  • Torban Amajjii 21 Jalqabu
  • Torban Amajjii 28 Jalqabu
  • Torban Guraandhala 4 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2008
km 1/08 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Amajjii 14 Jalqabu

Faarfannaa 22 (47)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Muddee 1fi Dammaqaan! Muddee 2007 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haadhihaatu.

Daq. 15: “Yeroo Tajaajilaaf Ramaddan Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa.” Obboleessa walga’ii tajaajila dirree yeroo geggeessu warra walga’icharratti argaman kakaasuufi jajjabeessuudhaan fakkeenya ta’u tokkoof gaafannoo godhi. Obboloota tajaajila gareedhaan geggeeffamurratti hirmaatan fuudhee deemuuf qophii akkamii godhe? Yeroosaanii akka gaariitti tajaajilarratti akka dabarsaniif qophii maalii godhe?

Daq. 20: “Haasaan Keessan Yeroo Hundumaa Akka Soogiddaa Miyaa’aa Haata’u.” Keeyyata 2⁠ffaarratti yeroo mari’attan, Yohannis 4:7-15, 39 dubbisi.

Faarfannaa 38 (85)

Torban Amajjii 21 Jalqabu

Faarfannaa 96 (215)

Daq. 10: Beeksisa gumiifi Oduuwwan Ti’ookraasii. Barreeffama ji’a Guraandhalatti raabsamu erga dubbattee booda hojiin argisiisni tokko haadhihaatu. Hundumtuu viidiyoo Traansifuushin-Oolteernaatiiv Heelz Keer—Miitiing Peeshant Niids end Raayits jedhamu, maree torban Walga’ii Tajaajilaa Guraandhala 4 godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi.

Daq. 10: Buukleetii Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu Jedhamutti Fayyadamaa Jirtuu? Yaada seensaa buukleetii Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaan Qoruu—2008⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Guyyaa hunda yeroo fudhachuudhaan Caqasa kennameefi yaada caqasicharratti hundaa’ee ibsame irra deebi’uun faayidaa inni qaburratti mari’adhaa. Caqasa guyyaa gochuu ilaalchisee amaleeffannaa qabaniifi kana gochuusaaniitiinis faayidaa argatan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Babal’istoota lama ykn tokko yaada akka kennan dursanii qopheessuun ni danda’ama. Caqasa waggaa 2008 ilaalchisee ibsa gabaabaa kenni.

Daq. 25: “Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa.” (Key. 1-10) Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Bardheengaddaa babal’istoota haalli hojiisaanii utuu isaan mudduu ykn hir’ina qaamaa utuu qabanii qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajilaa turaniif gaafannoo godhi. Tajaajilasaanii galmaan ga’uu kan danda’an akkamitti? Gammachuu akkamii argatan? Keeyyata 7⁠rratti yeroo mari’attan, ji’a Bitootessaa, Eblaafi Caamsaa ilaalchisee sagantaa walga’iiwwan tajaajila dirreetiif ba’e dubbadhu.

Faarfannaa 79 (177)

Torban Amajjii 28 Jalqabu

Faarfannaa 34 (77)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Amajjii akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 2007fi Dammaqaa!, Amajjii 2008⁠rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Barreeffamoota kana lamaan ilaalchisee irra deebii gabaabaa erga deebitee booda, mataduree kamtu xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaasaaniitti argaman akka harkisu dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Barreeffamoota kana lamaanirraa yaada muraasa tajaajilarratti itti fayyadamuu barbaadan akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuu qabna? Caqasa matadurichaa keessaa kam dubbisuu qabna? Caqasichiifi yaanni matadurichaa kan walsiman akkamitti? Akkaataa dhiheenyaa ful. 8⁠rra jirutti fayyadamuudhaan tokkoon tokkoon barreeffamoota kanaa akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haadhihaatu.

Daq. 20: “Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa.” (Key. 11-17) Keeyyata 14⁠rratti yeroo mari’attan waraqaan afeerraa Ayyaana Yaadannoo jiraannaan, koppii tokko tokko dhaggeeffattootaaf kenni. Qophii naannoo tajaajilaa waliin ga’uudhaaf godhame dubbadhu.

Daq. 15: “Barattoonni Macaafa Qulqulluu Babal’istoota Misiraachoo Mootummichaa Akka Ta’an Gargaaraa.” Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri.

Faarfannaa 54 (132)

Torban Guraandhala 4 Jalqabu

Faarfannaa 20 (45)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Saanduqa Gaaffii–1 irra deebi’i.

Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 25: “Yeroo Gara Biraatti Dabarsaa Jirtaa?” Jaarsaan kan dhihaatu. Battalumaan viidiyoo Peeshant Niids end Raayits jedhamu ilaalchisee gaaffii qophaa’etti fayyadamuudhaan dhaggeeffattootaa wajjin maree jalqabi. Xumurarratti keeyyata isa dhumaa erga dubbistee booda, hundumtuu yaadawwan Masaraa Eegumsaafi Tajaajila Mootummaarraa caqasaman xiyyeeffannaadhaan akka irra deebi’an jajjabeessi. Obboloonni kanaan dura kana hin raawwanne jiru taanaan, miiltoo Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2006⁠rra filannoowwan isaan gargaaruu danda’anitti fayyadamuudhaan, qoqqoodama dhiigaafi yaalii fayyaa dhiigatti fayyadamuu ilaalchisee, murtoo dhuunfaa gochuudhaan kaardii Qajeelfama Yaalii Fayya jedhamurratti filannoosaanii guutuu danda’u. Obboloonni kanaan dura kaardii kana guutanii turaniifi amma garuu filannoosaanii isa duraa jijjiiruu barbaadan kaardii haaraa guutuu ni danda’u.

Faarfannaa 2 (4)

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi