LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 2/08 ful. 7
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2008
km 2/08 ful. 7

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Guraandhala 25, 2008 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Amajjii 7 jalqabuu hanga Guraandhala 25, 2008⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffilee booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]

MALA H.

1. Dhaggeeffattoonni keenya yaada caqasawwanii akka hubatan gargaaruuf maal gochuu nu barbaachisa? Kana gochuu kan qabnu maaliifi? [be ful. 228 key. 1-2]

2. Haasawaan keenya hubannaa dhaggeeffattootaa kan bal’isu ta’uunsaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 230 key. 3-5, saanduqa]

3. Qorannaa gochuun haasawaan keenya hubannaa kan bal’isu akka ta’u gochuu kan danda’u akkamitti? [be ful. 231 key. 1-3]

4. Caqasawwan beekamoo ta’an yeroo dubbisnu caalaatti hubannaa akka bal’isanitti ibsuuf maal gochuu dandeenya? [be ful. 231 key. 4-5]

5. Caqasawwan dubbisnerratti ibsa kennuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? [be ful. 232 key. 3-4]

HAASAWAA LAK. 1

6. Macaafni Maatewos kallattiidhaan Yihudootaaf kan barreeffame ta’uusaa kan argisiisu maalidha? [si ful. 4 key. 6-7]

7. Barumsawwan Waaqayyoo karaa obboleessa isa haasawaa dhiheessuu nuuf kennaman fudhachuuf garaa keenya qopheessuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Sen. 20:33) [be ful. 13 key. 4–14 key. 4]

8. Warri ijoolleensaanii ‘fayyuuf ogummaa akka argatan’ leenjisuuf maal gochuu danda’u? (2 Xim. 3:15) [be ful. 16 key. 3-4]

9. Wangeelli Maatewos raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwatamuusaanii kan ibsu akkamitti? [si ful. 5 key. 32]

10. Wangeelli Maatewos Yesus Masiihii abdachiifameefi Mootii ta’uusaa kan ibsu si’a ta’u, Wangeelli Maarqos maal jedhee isa ibsa? [si ful. 4 key. 7-8]

DUBBISA M.Q.

11. Nama arrabsuun, dheekkamuu [aarii garaatti qabachuu, NW] caalaa cubbuu ta’aa? (Mat. 5:21, 22) [w08 1/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaada Ijoo Macaafa Maatewos”]

12. Kiristiyaanonni ‘ijasaanii fayyaa’ gochuu kan danda’an akkamitti? (Mat. 6:22, 23) [w06 10/1 ful. 31]

13. Yesus, “Kana hundumaa hubattaniittuu ree?” jedhee ergamootasaa yeroo gaafatu maal jechuusaa ture? (Mat. 13:51, 52) [w08 1/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaada Ijoo Macaafa Maatewos”]

14. Yesus yeroo baay’ee warra inni fayyiseen, “namootatti akka isa hin beeksifne” kan isaan ajaju maaliif ture? (Mat. 12:16) [w87 5/15 ful. 9; cl ful. 111-113]

15. Yesus waa’ee ‘qodaa safaraa itti namaaf kennanii’ yeroo dubbatu maal jechuusaa ture? (Mar. 4:24, 25) [w80 6/15 ful. 12; gt boq. 43]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi