Ragaa Amantaa Cimaan Akka Jiru Argisiisu
1 Yesus waa’ee argamasaafi dhuma barichaa Yommuu dubbatu, ergamoonnisaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu turan. Ilmaan namootaa waraana, hir’ina nyaataa, socho’a lafaafi dha’ichaan ni jeeqamu. Kana malees, Yesus duuka buutonnisaa akka jibbaman, akka rakkinatti dabarfamanii kennamaniifi ajjeefaman dubbatee ture. Raajonni sobduun ka’anii namoota baay’ee dogoggorsiisu. Jaalalli namoota baay’ee ni qabbanaa’a.
2 Yesus rakkinni kun hundi utuu jiruu misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo guutummaa biyya lafaatti ni lallabama jechuunsaa bartootasaa naasisee ta’uu qaba. (Mat. 24:3-14) Yeroo har’aa raajiin kun haala ajaa’ibsiisaa ta’een ennaa raawwatamu ni argina. Yeroo rakkisaa keessa kan jiraannu yoo ta’eyyuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa misiraachicha hinaaffaadhaan lallabu. Jaalalli biyya lafaa qabbanaa’aa kan deemu yoo ta’eyyuu, kan keenya caalaatti ho’aa deema. “Saba hundumaa” biratti kan jibbamnu ta’uyyuu saboota hundaaf ni lallabna.
3 Sochii Dhugaa Baatonni Yihowaa waggaa tajaajilaa darbe godhaniifi chaartii fuula 3 hanga 6tti argamu ilaaluun baay’ee nama jajjabeessa! Hojii misiraachoo labsuufi bartoota gochuurratti sa’aatii biliyoona tokkoo ol yeroo dabarsan waggaa 16ffaasaaniiti. Dhugaa Baatonni Yihowaa amantii cimaa qabaachuusaaniitiif kun ragaa cimaadha. Lakkoofsi qajeelchitootaa dhibbeentaa 5.8, kan babal’istootaa dhibbeentaa 3.1, akkasumas qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhibbeentaa 4.4 dabalee ture. Lakkoofsi cuuphamtootaa waggaa tajaajilaa darberra dhibbeentaa 20.1 ol dabaleera. Namoonni gara miliyoona torbaatti siqan seenaa ilmaan namootaa keessatti ta’ee hin beekneen amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiraachuusaanii ilaaluun kan nama gammachiisudha. Chaartii kana yommuu ilaaltu, keessumaa siin kan si jajjabeessu maalidha?
4 Lakkoofsonni kun mataasaaniitti kan ajaa’ibsiisan yoo ta’eyyuu, namoota amantaasaanii hojiidhaan argisiisan kan bakka bu’an ta’uusaanii gonkumaa irraanfachuu hin qabnu. Fakkeenya tokko ilaali. Gilermoon biyya Booliiviyaatti guddate. Bara 1935 kan dhalate si’a ta’u, waggaa sagalii jalqabee hojii kookaa misoomsuu hojjeta ture. Ijoollummaasaatii jalqabee dhiphina hojiin humnaa isarraan ga’u irraanfachuuf jecha baala kookaa nyaata ture. Yeroo booda dhugaatii alkoolii garmalee dhuguufi tamboo xuuxuutti ka’e. Gilermoon, yommuu wanta Yihowaan isarraa barbaadu baratu, tamboo xuuxuusaa dhiise achiis dhugaatii alkoolii garmalee dhuguusaa dhaabe. Wanti baay’ee isa rakkise baala kookaa umriisaa guutuu nyaachaa ture dhiisuu ture. Utuu walirraa hin kutiin kadhannaa gochuudhaan amala kana mo’eera. Amalasaa hundumaa dhiisuudhaan cuuphameera. “Amma qulqulluu akkan ta’eefi gammachuu guddaa akkan qabu natti dhaga’ama” jedheera.
5 Yihowaan dhugumaan namoota ni jaallata. Namoonni hundi yaada garaasaanii akka geddaratan fedhasaati. (2 Phe. 3:9) Nutis fedhiin keenya kanuma. Namoonni garaa qajeelaa qaban akkuma keenya Yihowaa beekuufi jaallachuu akka danda’an, hanga nuu danda’ame hundaa gargaaruuf garaadhaa haa kakaanu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yesus wantoonni akkamii jeequmsa akka uuman raajiidhaan dubbatee ture?
2. Misiraachichi addunyaa maratti lallabamuunsaa kan nama ajaa’ibsiisu maaliif?
3. Gabaasa addunyaa maraa keessatti guddina nama jajjabeessu akkamii argiteetta?
4. Namni tokko cuuphamuudhaaf rakkoowwan akkamii mo’ee ture?
5. Fedhiinkee maalidha?