Saanduqa Gaaffii
◼ Gamoowwan tajaajila Yihowaatiif oolan yommuu daawwannu uffannaa akkamii uffachuu qabna?
Addunyaa maratti Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walga’ii gurguddaafi manneetiin Bet’el iddoowwan kamiyyuu caalaa tajaajila Yihowaatiif kan murtaa’anidha. Iddoowwan kun seera qabeeyyii, qulqulluufi kan ija namaatti tolan waan ta’aniif kan kabajamanidha. Haalli iddoowwan kanaa wanta addunyaa Seexanaa keessatti mul’aturraa addadha. Namoonni iddoowwan tajaajila Yihowaatiif gargaaran kana dawwatanis sabasaafi warra fedhasaa raawwatan ta’uunsaanii beekamuu qaba.
Kiristiyaanota waan taaneef, akkaataa uffannaafi filannaa sirrii ta’e qabaachuu dabalatee karaa hundumaa akka “hojjetoota Waaqayyootti of in dhi’eessina.” (2 Qor. 6:3, 4) Kana malees, amala gaarii qabaachuun nurraa eegama. Akkaataan uffannaafi filannaa keenyaa, yeroo hundaa akka tajaajiltoota Yihowaatiif ta’utti amala gaariifi ulfina akka qabnu kan argisiisu ta’uu qaba. Keessuma yommuu waajjira muummee Niwuu Yoorkiifi waajjiroota damee addunyaa maratti argaman daawwannu kana gochuun keenya barbaachisaadha.
Kitaabni Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhu, yommuu tajaajila dirreefi walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti hirmaannu, qulqullina qaamaa eeggachuufi uffannaafi filannaa seera qabeessa ta’e qabaachuun barbaachisaa ta’uusaa ibsa. Achiis fuula 138 keeyyata 3rratti akkas jedha: “Maqaan Bet’el jedhu ‘Mana Waaqayyoo’ jechuu akka ta’e yaadadhu. Kanaaf, yommuu gara Bet’el deemnu uffannaa, akki itti of miidhagsinuufi amalli keenya akkuma yeroo waaqeffannaaf Galma Mootummaatti walgeenyuu ta’uu qaba.” Babal’istoonni Mootummichaa Bet’eliin daawwachuuf fagoodhaas ta’e dhihoodhaa dhufan hundi ulaagaa kana guutuu qabu. Daawwattoonni akkas gochuudhaan dinqisiifannaafi kabaja sirrii ta’e argisiisu.—Far. 29:2.
Uffannaan keenya warra “Waaqayyoof in saganna” jennu ta’uu keenya kan argisiisu ta’uu qaba. (1 Xim. 2:10) Uffannaafi filannaan keenya seera qabeessa ta’uunsaa, warri kaan waaqeffannaa Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatan godha. Haata’u malee, obboloonni iddoowwan waaqeffannaa kana daawwatan tokko tokko, uffannaansaanii akka dhimma hin qabne kan argisiisu, seera kan hin qabneefi qullaa namaa kan argisiisu ta’uunsaa hubatameera. Kiristiyaanni tokko yeroo kamiyyuu uffannaa akkasii uffachuu hin qabu. Akkuma jireenya Kiristiyaanummaa keenya kaanii, dhimma kanarrattis waan hundumaa ulfina Waaqayyootiif gochuudhaan, sadarkaa olaanaa saba Waaqayyoo biyya lafaarra adda godhu eeguu barbaanna.—Rom. 12:2; 1 Qor. 10:31.
Kanaaf, waajjira muummeefi waajjira damee Niwuu Yoorkitti argamu ykn gamoowwan waajjira damee kan biraa karoora baafattees ta’e boqonnaadhaaf biyya garabiraa dhaqxee kan daawwattu yoo ta’e akkas jedhii of gaafadhu: ‘Akkaataan uffannaafi filannaakoo bakkin daawwadhu sun seera qabeessa, qulqulluufi ulfina qabeessa ta’uusaa ni argisiisaa? Waaqan waaqeffadhuuf ulfina kan fidudhaa? Akkaataan uffannaafi filannaakoo warra kaan kan gufachiisu ykn kan aarsudhaa?’ Yeroo hundumaa akkaataa uffannaafi filannaa keenyaan ‘barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu, waan hundumaatti akka namatti tolee mul’atu haa goonu!’—Tit. 2:10.