LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/08 ful. 5
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2008
km 4/08 ful. 5

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Ebla 28, 2008 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Bitootessa 3 jalqabuu hanga Ebla 3, 2008⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa.

MALA HAASAWAA

1. Haasawaan keenya barreeffama nuuf ramadamerratti akka hundaa’u gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliif? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 234 key. 1–235 key. 1]

2. Yeroo barsiisnu gaaffiiwwanitti gargaaramuun fayyada guddaa kan qabu maaliif? [be ful. 236 key. 1-5]

3. Gaaffiiwwan dhaggeeffattoonni keenya dhimma tokkorratti akka yaadan isaan gargaaruu kan danda’an akkamitti? [be ful. 237 key. 3–238 key. 1]

4. Yeroo barsiisnu miira dhaggeeffattoota keenyaa hubachuuf gaaffiiwwanitti akka gaariitti fayyadamuun barbaachisaa kan ta’e maaliif? (Fak. 20:5; Mat. 16:13-16; Yoh. 11:26) [be ful. 238 key. 3-5]

5. Wantoota walfakkeessuudhaan barsiisuun faayidaa maalii qaba? (Uma. 22:17; Er. 13:11) [be ful. 240 key. 1-3]

HAASAWAA LAK. 1

6. Seerawwan bu’uuraa Macaafa Maarqosirratti ibsamaniifi Mootummaa Waaqayyoo keessatti jireenya barabaraa argachuuf gargaaran kamfa’i? [si p. 186 par. 32]

7. Hafuurri qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo har’aa jiran gargaaraa kan jiru akkamitti? (Yoh. 14: 25, 26) [be ful. 19 key. 1-2]

8. Bu’aan dubbisuudhaan argamu inni guddaan maalidha? [be ful. 21 key. 3]

9. Qayyabannaan maalfaa dabalata? [be ful. 27 key. 3–ful. 28 key. 1]

10. Wangeelli Luqaas, Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuusaanii ilaalchisee amantaa keenya kan nuu cimsu akkamitti? [si p. 192 pars. 30-1]

DUBBISA M.Q

11. Yesus, namichi tokko “barsiisaa gaarii!” jedhee yeroo isa waametti kan isa sirreesse maaliif ture? (Mar. 10:17, 18) [w08 2/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Maarqos”]

12. Yesus muka harbuutti fayyadamee Israa’eloota ilaalchisee maal barsiise? (Mar. 11:12-14, 20, 21) [w03 5/15 ful. 26 key. 2-3]

13. Gabri’el ergamaan Maariyaamirra hafuurri qulqulluun waan bu’uufi humni Waaqayyoo waan ishee golboobuuf ‘akka ulfooftu’ yeroo dubbatu maal jechuusaa ture? (Luq. 1:30, 31, 34, 35) [w08 3/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Luqaas”; it-2 ful. 56 key. 2]

14. Bartoonni Yesus wanta ‘guyyaa Sanbataatti gochuun seeraan dhowwame’ godhanii turanii? (Luq. 6:1, 2) [gt 31]

15. Gorsa Yesus Maartaadhaaf kennerraa maal baranna? (Luq. 10:40-42) [w99 9/1 ful. 31]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi