Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Ebla 14 Jalqabu
Faarfannaa 82 (183)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 6rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Bitootessa 1fi Dammaqaan! Bitootessa 2008 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: “Warra Galata Galchitan Ta’aa!” Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Daq. 20: : “Namoota Gaddan Jajjabeessaa.” Muuxannoo namoota jaallatan du’aan dhaban jajjabeessuudhaan argatan dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 18 (42)
Torban Ebla 21 Jalqabu
Faarfannaa 19 (43)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1fi Dammaqaa! Bitootessaa maree torban ittaanu Walga’ii Tajaajilaarratti godhamuuf fidanii akka dhufan dhaggeeffattoota yaadachiisi; akkasumas akkaataawwan dhiheenyaa naannoo tajaajilaa sanaaf ta’urratti qophaa’uudhaan maree taasifamurratti akka hirmaatan jajjabeessi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa. Akka filannootti mataduree “Ijoollee Xixinnoonis Cuuphamuu Qabuu?” jedhu dhiheessuu dandeessu. (km 10/02, ful. 8)
Daq. 25: Macaafni Qulqulluun Ijoollee Keessan Leenjisuuf Isin Gargaaruu Danda’aa? Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004, ful. 4-7rratti hundaa’ee haasawaa dhihaatu. Keeyyata 6rra si’a geessu barbaachisummaa amala gaarii ibsi. Yaadawwan fuula 6rra jiru yeroo ibsitu ijoollee keessan tajaajilaaf leenjisuun faayidaa inni qabu ibsi.
Faarfannaa 57 (136)
Torban Ebla 28 Jalqabu
Faarfannaa 14 (34)
Daq. 15: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila ji’a Eblaa akka deebisan yaadachiisi. Masaraa Eegumsaa Bitootessaa 1fi Dammaqaa! Bitootessaa, tokkoon tokkoonsaanii ilaalchisee yaada gabaabaa erga dubbattee booda, namoota naannoo tajaajilaasaanii keessatti argamaniif mataduree kamtu isaan hawwachuu akka danda’u, akkasumas maaliif qalbiisaanii akka hawwatu dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri. Barreeffamoota kana raabsuuf qabxiilee muraasa barruulee kanarraa itti fayyadamuu barbaadan akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuu dandeenya? Haala deebii kenninu deggeruu danda’uun caqasichatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Yaada dhaggeeffattoonni kennanitti ykn akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarra jiranitti fayyadamuudhaan, barruuleen kun akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 10: Saanduqa Gaaffii. Maree dhaggeeffattootaa wajjin taasifamu.
Daq. 20: “Faanasaa Duukaa Bu’aa.” Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 66 (155)
Torban Caamsaa 5 Jalqabu
Faarfannaa 97 (217)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Yihowaan Matumaa Si Hin Dhiisu. Haasawaa nama jajjabeessufi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2005, ful. 8-11rratti hundaa’ee dhihaatu.
Daq. 20: “Dandeettii Tajaajilaa Keessan Fooyyeffadhaa.” Keeyyata 2rratti yeroo mari’attan, tajaajilaan dandeettii tajaajilaasaa fooyyeffachaa adeemu tokko, yeroo maree jalqabuuf jedhu: “Waa’ee Macaafa Qulqulluu sii wajjin mari’achuu barbaanna. Dhaggeeffachuuf fedha qabdaa?” jechuu mannaa, yaada seensaa fedhii kakaasutti kan fayyadamu ta’uusaa ibsi. Akkasumas babal’isaan akkaataa itti tajaajilu fooyyeffachaa jiru tokko deebi’ee yeroo dhaqu, “Barreeffaman sii kenne dubbisteettaa? Gaaffii qabdaa?” jechuu mannaa, yaada irratti mari’achuu danda’an kaasuun bu’uura kaa’a. Keeyyata 3rratti yeroo mari’attan, yaada kitaaba Mana Barumsaa ful. 6-8, mataduree xiqqaa “Leenjicharraa Guutummaatti Faayidaa Argachuun Kan Danda’amu Akkamitti?” jedhurra yaada jiru itti dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 44 (105)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.