LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/08 ful. 3
  • Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2008
km 9/08 ful. 3

Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa

◼ Sa’aatii Sagantichaa: Walga’ichi guyyaa sadanuu ganama sa’aatii 3:20⁠tti jalqaba. Balballi ganama sa’aatii 2:00⁠tti banama. Sagantichi karaa ulfina qabuun akka jalqabamuuf, yommuu muuziqaan jalqabaa dhaga’amu, hundi keenya teessuma keenyarra taa’uu qabna. Walga’ichi Jimaataafi Sanbadduraa sa’aatii 10:55⁠tti kan xumuramu yommuu ta’u, Dilbatammoo sa’aatii 10:00⁠tti xumurama.

◼ Cuuphaa: Yihowaadhaaf akka of murteessan namoota duratti argisiisuun wanta iddoo guddaan kennamuuf akka ta’e, warri ijoolleesaanii xixinnoos ta’an gurguddaa wajjin akka mari’atan isaan jajjabeessina. Kana kan godhan yoo ta’e, sirni cuuphaa yeroo gammachiisaa ta’uyyuu, yeroo kaadhimamtoota cuuphamanitti kolfamu akka hin taane ijoollee xixinnoonillee hubachuu danda’u.

◼ Bakka Konkolaataa Dhaaban: Bakka walga’ii koonyaatti, iddoo konkolaataa itti dhaaban akkuma duraa duuba dhufaniin kafaltii malee argachuun ni danda’ama. Kaardiin qomarratti kaa’atamu bakka konkolaataa dhaaban argachuuf akka mallattoo ta’ee gargaara.

◼ Teessuma Qabachuu: Teessuma qabuun kan danda’amu, namoota konkolaataa tokkoon wajjin deemtan ykn mana tokko keessa jiraattan qofaafidha.

◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha ala deemuu mannaa, laaqana keessan fidadhaa. Qodaa nyaataa xinnoo teessoo keessan jala kaa’amu qabattanii dhufuu dandeessu. Qodaawwan nyaataa gurguddaa, wanta salphaatti cabuufi dhugaatii alkoolii bakka walga’ii koonyaa fidanii dhufuun tasumaa dhorkaadha.

◼ Buusii: Bakka walga’ii koonyaa ykn Galma Mootummaatti hojii addunyaa maraatiif fedhiidhaan buusii gochuudhaan, qophii walga’ii koonyaatiif dinqisiifannaa keenya argisiisuu dandeenya.

◼ Balaafi Dhukkuba Yeroo Namaa Hin laanne: Namni tokko bakka walga’iitti dhukkuba yeroo namaa hin laanneen akka tasaa yoo dhukkubsate, kutaa Yaaliin Fayyaa Jalqabaa itti kennamu akka isinitti argisiisuuf keessumsiisaa dhihoo keessanitti argamutti himaa.

◼ Foormiiwwan: Foormiin Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu, yeroo walga’iin koonyaa godhamu karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uu keenyaan waa’ee nama fedhii argisiise tokkoo odeeffannoo kennuuf gargaara. Nama fedhii argisiise kana hordofanii gargaaruun akka danda’amutti, foormii kana erga guuttanii booda Kutaa Barreeffamaa walga’ii koonyaa ykn gara gumii keessaniitti yeroo deebitan barreessaa gumii keessaniif kennuu dandeessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi