Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Caamsaa 12 Jalqabu
Faarfannaa 3 (32)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaan! Eblaa yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: Qorumsa Akkamiiyyuu Mo’uu Ni Dandeenya! Haasawaa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2005, fuula 30-31rratti hundaa’ee dhihaatu. Babal’istoota muraasa filachuudhaan, Yihowaan rakkina isaanirra ga’e tokko mo’uuf akkamitti akka isaan gargaare gaafadhu.
Daq. 20: Yeroo Boqonnaatti Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uu Ni Dandeessaa? Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Ulaagaa qajeelchaa gargaaraa ta’uun gaafatu caqasuudhaan kitaaba Saba Gurmaa’e jedhamu fuula 112-113 irra deebi’ii ibsi. Obboloonni bakka hojiisaaniitii boqonnaa fudhachuudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’an, eebba akkamii akka argatan gaafadhu. Obboloonni yeroo boqonnaa mana barumsaatti qajeelchaa gargaaraa ta’an, obboloonni kaan akkamitti akka isaan jajjabeessaniifi akka isaan gargaaran akka dubbatan gaafadhu. Qajeelchaa gargaaraa ta’uunsaanii, karaa hafuuraa akka guddatan kan isaan gargaare akkamitti? Gammachuu akkamii argatan? Warri gannatti qajeelchaa ta’uu danda’an hundi akka irratti yaadan jajjabeessi.
Faarfannaa 17 (187)
Torban Caamsaa 19 Jalqabu
Faarfannaa 11 (85)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Saanduqa Gaaffii dhiheessi.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Eebba Argachuu Dandeessa!” Ulaagaawwan qajeelchaa ta’uuf barbaachisaniifi kitaaba Saba Gurmaa’e jedhamu fuula 113-114rra jiranirratti yaada kenni. Obboloonni Fulbaana 1 jalqabee qajeelchaa ta’uu barbaadan, hamma danda’ametti dafanii iyyatasaanii akka galchatan jajjabeessi.
Faarfannaa 2 (15)
Torban Caamsaa 26 Jalqabu
Faarfannaa 11 (85)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaa galateeffannaa waajjira dameerraa ergame dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Caamsaa akka deebisan yaadachiisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaan! Eblaa akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: “Waanjoo Koo Fudhadhaatii Baadhaa.”* Hanga yeroon sii ga’etti, dhaggeeffattoonni caqasoota yaannisaanii hin kaa’amnerratti yaada akka kennan afeeri.
Daq. 20: Waxabajjiitti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu raabsaa. Haasawaafi hojiin argisiisaan kan dhihaatu. Miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006rraa akkaataawwan dhiheenyaa tokko tokkorratti mari’adhaa. Hojiin argisiisni kutaa lama qabu haa dhihaatu. Kitaabicha akkamitti raabsuun akka danda’amu, achiis qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf yaaduudhaan akkamitti deddeebii gaaffii gochuun akka danda’amu argisiisi.
Faarfannaa 6 (45)
Torban Waxabajjii 2 Jalqabu
Faarfannaa 27 (221)
Daq. 10: Beeksisa gumii fi oduuwwan Ti’okraasii.
Daq. 20 Warri Amanamoo Ta’an Baay’ee Eebbifamu. (Fak. 28:20) Barreessaan gumichaa haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhiheessa. Carraaqqii gumichi sochii tajaajilaasaa guddisuuf ji’oota Bitootessa, Eblaafi Caamsaatti godhe Yihowaan akkamitti akka eebbise ibsiitii galateeffadhu. Obboloonni qajeelchaa gargaaraa turan meeqa akka ta’an, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu meeqa akka jalqabamaniifi hojiiwwan gaarii tajaajilarratti raawwataman kan biraas ibsi. Dhaggeeffattoonni, muuxannoo Ayyaana Yaadannoofi waraqaa afeerrii raabsuu wajjin haala walqabateen argatan akka dubbatan afeeri. Muuxannoowwan dinqisiisaa tajaajilarratti argaman hojiin argisiisaan irra deebi’uun ni danda’ama. Qajeelchaa gargaaraa ta’uun eebbawwan akkamii akka isaanii argamsiise akka dubbatan babal’istoota lama ykn sadiif gaafannoo gabaabaa godhi.
Daq. 15: ‘Hojii Gaarii Hojjechuuf Qophaa’oo Ta’aa.’ Dhaggeeffattoonni tajaajila manaa gara manaatiif akkamittiifi yoom akka qophaa’an gaafadhu.
Faarfannaa 11 (85)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.