Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman Caamsaa: Barruulee; Waxabajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota.
◼ Qaamni jaarsolii xalayaa Adoolessa 6, 2006 (Amaariffaan) ergameefi yeroo balaan ga’utti qophii godhamuu qabu ibsu irra deebi’ee dubbisuu, akkasumas teessoo babal’istoota hundaa isa haaraa qabaachuusaa mirkaneessuu qaba. Obboloota naannoo balaan ga’uu danda’utti argaman ilaalchisee, teessoo dabalataa argachuun keessan barbaachisaadha. Babal’istoonni yeroo balaan ga’u qofa utuu hin ta’in, yeroo dheeraadhaaf boqonnaadhaaf ykn hojiidhaaf yommuu ba’aniifi dhukkubsatanii yommuu mana yaalaa turan dabalatee, sababa kan biraatiif yeroo naannoorraa fagaatanii deeman, ilaaltuu olaanaa Qayyabannaa Kitaabaasaaniitti ykn jaarsa gara biraatti himuunsaanii barbaachisaadha.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKA JIRAN: Ingiliffa: Kitaaba Waggaa 2008, Wochtaawar Laayibirarii 2007, Diraamaa Macaafa Qulqulluu mp3dhaan; Afaan Faransaayi: Kitaaba Waggaa 2008, Wochtaawar Laayibirarii 2007.
◼ BARREEFFAMOOTA AMMAS NU HARKA JIRAN: Amaariffa: Dammaqinaan Eegaa!, Tiraaktota Lak. 13, 14, 26, 27; Ingiliffa: Hiika Addunyaa Haaraa (bi-12); Afaan Faransaayi: Kiri’eeshin, Ragaa Dhiheessuu; Afaan Oromoo: Dammaqinaan Eegaa!, Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?, Tiraaktota Lak. 26 fi 27; Afaan Ispeen: Hiika Addunyaa Haaraa (bi-12); Tigriffa: Kitaaba Namoota Hundaaf Ta’u, Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Gaaffii Dargaggootaa.