LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/08 ful. 3
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Hojii Kanaaf Nu Leenjisaa Jira
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Galateeffachuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Qajeelfama Ilaaltuu Olaanaa Mana Barumsichaatiif Kenname
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Walgaʼiiwwan “Jaalalaa fi Hojii Gaariidhaaf Nu Kakaasan”
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 5/08 ful. 3

Saanduqa Gaaffii

◼ Mana Barumsaa Tajaajilaa Ti’okraasiifi Walga’ii Tajaajilaarratti yommuu kutaan dhihaatu hunda, dhaggeeffattoonni harka walitti rurrukutuunsaanii sirriidhaa?

Uumaa kan ta’e Yihowaan yommuu lafa uume, “urjoonni gara barii in faarfatan, warri waaqa irraa ‘ilmaan Waaqayyoo’ jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.” (Iyo. 38:7) Ergamoonni Waaqayyoo warri ilmaansaa jedhaman kun, Yihowaan ogummaa, gaarummaafi humnasaatti fayyadamee uumamawwan nama dinqisiisan kana uumuu jalqabuusaatiif isa jajachuu barbaadanii turan.

Carraaqqii obboloonni keenya kutaa isaaniif kenname dhiheessuuf godhaniif dinqisiifannaa qabnu ibsuun keenya waan gaariidha. Fakkeenyaaf haasawaan ykn hojiin argisiisni walga’iiwwan addaa, aanaafi koonyaarratti yommuu dhihaatu harka walitti rurrukutuun kan baramedha. Kutaawwan walga’ii akkasiirratti dhihaatan qophaa’uun yeroofi carraaqqii dabalataa gaafata. Yeroo kanatti harka walitti rurrukutuun keenya, obboloota kutaa kana dhiheessuuf carraaqqii godhaniif qofa utuu hin ta’in, qajeelfama Yihowaan Dubbiifi jaarmiyaasaatti fayyadamee nuu kenneef dinqisiifannaa akka qabnu kan argisiisudha.—Isa. 48:17; Mat. 24:45-47.

Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajilaa Ti’okraasiifi Walga’ii Tajaajilaarratti dhihaataniifoo harka rurrukutuun sirriidhaa? Kun, karaa dinqisiifannaan itti ibsamu taanaan, yommuu namni tokko yeroo jalqabaatiif kutaa dhiheessu harka walitti rurrukutuun dhowwaa hin qabu. Haata’u malee, harka walitti rurrukutuun utuma itti hin yaadamin kaayyoo malee godhamuu danda’a. Kanaan kan ka’es, haasawaa dhihaate hundaaf harka walitti hin rurrukunnu.

Kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajilaa Ti’okraasiifi Walga’ii Tajaajilaarratti dhihaatan baay’eedhaaf harka rurrukutuu baannus, hundi keenya karaan itti obboloota carraaqqii gochuudhaan kutaa dhiheessaniif dinqisiifannaa keenya itti ibsinu kan biraan jira. Dammaqoo ta’uufi obboloota haasawaa dhiheessan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan kana gochuu dandeenya. Walga’icha boodas, carraaqqii godhaniif dhuunfaatti isaan galateeffachuun ni danda’ama.—Efe. 1:15, 16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi