LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/08 ful. 2
  • Oduuwwan Ti’okraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Oduuwwan Ti’okraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2008
km 5/08 ful. 2

Oduuwwan Ti’okraasii

◼“Lallaban hamma yoonaatti irratti hirmaadhe caalaa itti gammadeera.” “Naannoon tajaajilaa akkasii biyya keenya keessa jiraachuusaa hin beekun ture.” “Namni hundi nu simata ture. Tasumaa kana hin yaanne!” “Namoonni hedduun akka hoolota tiksee hin qabnee, akka gargaarsa barbaadan salphaatti arguun ni danda’ama.” “Dubbachaa waan oolluuf, galgala kan dadhabnu yoo ta’eyyuu, baay’ee gammanna turre!” “Yeroo namoota fedhii qabanirraa addaan baanu baay’ee gaddinee turre.” “Lallabuu malees, qajeelchaa addaa tokkoo wajjin hojjechuukootiin gammachuu dabalataa argadheen ture.” “Torbanuma jalqabaarratti namoota kudhan ta’an qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiiseen ture.” “Ammayyuu namoonni baay’een ni barbaachisu!” Jechoota kana kan dubbatan, namoota duula addaa “Maqedooniyaa,” jedhamuufi yeroo jalqabaatiif biyya keenyatti hojjetamerratti hirmaatanidha. Obboloonni kun naannoowwan bakka namoonni dabalataa barbaachisan dhaqanii tajaajilaniiru.—HoE. 16:9, 10.

Walumaa galatti obboloonni afurtama ta’an baasii guddaa kaffaluudhaan, baha Awustiraaliyaafi lixa Kibba Ameerikaattii dhufaniiru. Gumiiwwan Finfinnee keessa jiran, naannoo tajaajilaasaanii irra deddeebi’anii hojjetaniiru. Kanaan kan ka’es, obboloonni dhibba afur ta’aniifi gumiiwwan Finfinnee keessa jiranirraa baba’an obboloota biyya alaatii dhufan kanaa wajjin tajaajilaniiru. Hundisaanii aarsaa kaffaluudhaaf, baasiisaanii danda’uuf, bakka hojiisaaniitii heyyama fudhachuufi rakkina isaan mudatu danda’uuf fedhii akka qaban argisiisaniiru. Qajeelchitoonni addaafi babal’istoonni obboloota kana gargaaraniiru. Kanaan kan ka’es, magaalotaafi mandaroota xixinnootti lallabuun kan danda’ame yommuu ta’u, isaan keessas tokko tokko yeroo jalqabaatiif kan itti tajaajilaman turan. Obboloonni kun namoota kanaan dura qayyabachaa turan kan argatan yommuu ta’u, namoonni haaraan kunis obboloota argachuusaaniitti baay’ee gammadaniiru. Warri kaanimmoo yeroo jalqabaatiif dhugaa dhaga’uusaaniitti waan gammadaniif, guyyaa guyyaadhaan qayyabatu turan!

Kun hundi maal nu hubachiisa? Akkuma Yesus Maatewos 9:36-38⁠rratti dubbate, midhaan sassaabamu baay’eedha. Namoonni fedhii qaban kun gargaarsi waan isaan barbaachisuuf, atis namoota gargaarsa akkasii kennuu danda’an keessaa tokko ta’uu dandeessa. Qajeelchaan addaa kan ergamuu iddoowwan muraasa qofatidha. Iddoowwan hedduutti, obboloonni bakka tajaajiltoonni dabalataa barbaachisan dhaqanii tajaajilan ni barbaadamu. Obboloonni kun, akkuma Aqiilaafi Phrisqiilaan dunkaana hodhuudhaan godhan, baasii mataasaanii danda’anii tajaajilu. (HoE. 18:2,3) Naannoo keenya isa bal’aafi namoota qajeelummaa jaallataniif kadhachuu keessan akka itti fuftan isin jajjabeessina. Kana malees, Tajaajila Mootummaa Adoolessa 2001 mataduree “Bakka Caalaatti Gargaarsi Barbaachisu Dhaqxee Tajaajiluu Ni Dandeessaa?” jedhu (fuula 4) ilaali (Amaariffa). Fedhii guddaa kana guutuurratti hirmaachuudhaaf haalakee mijeessuu ni dandeessaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi