Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Waxabajjii 9 Jalqabu
Faarfannaa 21 (191)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiranitti ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’e kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaan! Caamsaa akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 20: Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuuf Akkamitti Qophaa’uu Qabna. Tajaajila Mootummaa Hagayya 2004 fuula 1rratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu. Xumura haasichaarratti, babal’isaan tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuudhaaf yommuu ariitiidhaan qophaa’u kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi. Achiis babal’isaan tokko yaadawwan Tajaajila Mootummaarratti dhihaatan tokko tokko akkamitti hojiirra akka oolchu ilaalaa yommuu qophaa’u kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: “Utuu Walirraa Hin Kutin Lallabaa.” Yeroo qabaannaan caqasoota yaanisaannii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 2 (15)
Torban Waxabajjii 16 Jalqabu
Faarfannaa 6 (45)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Babal’istoonni Walga’ii Tajaajilaa torban itti aanutti godhamuuf Masaraa Eegumsaa Ebla 1fi Dammaqaa! Caamsaa fidanii akka dhufan yaadachiisi. Akkasumas akkaataawwan dhiheenyaa itti fayyadamuuf karoorfatanirratti yaada kennuuf akka qophaa’an itti himi.
Daq. 15: Misiraachichi Faayidaa Akkamii Akka Argamsiisu Addeessi. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa jedhu fuula 158 key. 5 hanga ful. 159rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni dhimmawwan yeroo ammaatti namoota naannoo tajaajilaasaanii keessa jiran yaaddessan maal akka ta’an akka dubbatan afeeri. Wantoota namoota yaaddessan kana akkaataa dhiheenyaa keenyarratti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu akka dubbatan afeeri.
Daq. 20: “Maatiinkee Fayyinaaf Qophaa’aa Jiraa?” Yeroo qabaannaan caqasoota yaannisaanii hin kennamnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 9 (37)
Torban Waxabajjii 23 Jalqabu
Faarfannaa 29 (222)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Barruu ji’a Adoolessaatti raabsamu dubbadhu; achiis hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 20: Qajeelchaa Ta’uun Jireenyi Keenya Kaayyoo Akka Qabaatu Godha! Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2008, fuula 17-19rratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu. Kan jiran yoo ta’e, obboleessa yeroo dhihootti qajeelchaa ta’e tokkoofi waggoota dheeraadhaaf tajaajile kan biraadhaaf gaafannoo gochuu dandeessa. Tajaajila barbaachisaa ta’e kanarratti hirmaachuunsaanii, jireenyisaanii kaayyoo akka qabaatu kan godhe akkamitti akka ta’e gaafadhu.
Daq. 15: Barreeffamoota Yeroo Yerootti Ba’an Raabsuuf Qophii Godhaa. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Masaraa Eegumsaa Eblaa 1fi Dammaqaa! Caamsaarratti ibsa gabaabaa kenni. Sana booda, mata dureewwan xiyyeeffannaa namoota naannoosaanii harkisan warra kam akka ta’aniifi kunimmoo maaliif akka ta’e akka dubbatan gaafadhu. Dhaggeeffattoonni yaada barreeffamoota raabsuuf karoorfatan keessa jiraniifi tajaajilarratt itti fayyadamuuf yaadan tokko tokko akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuu dandeenya? Caqasoota mata duree sana keessa jiran keessaa isa kam dubbisuu dandeenya? Akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarra jiran ykn dhaggeeffattoonni dubbatanitti fayyadamuudhaan barreeffamoonni lamaan akkamitti raabsamuu akka danda’an hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 10 (82)
Torban Waxabajjii 30 Jalqabu
Faarfannaa 6 (45)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Waxabajjii akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 15: Maree Namootaa Wajjin Goonu Fooyyessuu Kan Dandeenyu Akkamitti? Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa jedhu fuula 62 keeyyata 4 hanga fuula 64rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaadasaa akka naannoo tajaajilaa keessaniif ta’utti dhiheessi. Babal’isaa tajaajila manaa gara manaa ykn karaa alidilee ta’een namoota maree jalqabsiisuudhaan beekamu tokkoof gaafannoo gabaabaa godhi.
Daq. 20: Namoonni Fedhii Qaban Sodaa Namootaa Akka Mo’an Gargaaraa, Tajaajila Mootummaa Muddee 2006 fuula 3fi 4rratti kan hundaa’e.
Faarfannaa 17 (187)
Torban Adoolessa 7 Jalqabu
Faarfannaa 11 (85)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Nama Afaan Gara Biraa Dubbatu Yoo Arganne Maal Goona?” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Keeyyata 2rratti yommuu mari’attan tuutawwan ykn gumiiwwan afaan addaddaa naannoo tajaajilaa keessanitti tajaajilan warra kam akka ta’an dubbadhu. Tuutawwan ykn gumiiwwan afaan gara biraatiin geggeeffaman kanaa wajjin qindoominaan tajaajiluuf qophii godhame ibsi.
Faarfannaa 6 (45)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guuneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.