Da’oo Jajjabaa Ni Jigsina
1 Seexanni, waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif barumsa sobaafi gowwoomsaatti fayyadamuudhaan, garaafi sammuu namoota baay’ee jaamsaa tureera. Barumsa Sillaasee, barumsa lubbuun hin duutu jedhu akkasumas barumsa ibidda sii’ol babal’isaa tureera. Namoonni, Uumaan jiraachuusaafi Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ta’uusaa akka shakkan godheera. Kana malees, qomoofi lammiisaaniitiif iddoo guddaa kennuunsaaniis dhugaa akka hin fudhanne isaan godheera. (2 Qor. 4:4) Amantiiwwan akka da’oo jabaa ta’an kana jigsuu kan dandeenyu akkamitti?—2 Qor. 10: 4, 5.
2 Miira Namootaatiif Yaadaa: Namni tokko wanta yeroo dheeraadhaaf dhugaadha jedhee itti amanaa ture tokkoof iddoo guddaa kenna. Namoonni tokko tokko ijoollummaasaaniitii kaasanii barumsa dogoggora ta’etti amanaa turaniiru. Namoota akkasii gargaaruuf, karaa ilaalchasaanii akka kabajnu argisiisuun dubbachuu qabna.—1 Phe. 3:15.
3 Namoonni kun maalitti akka amananiifi maaliif akka amanan akka dubbatan gochuudhaan isaan kabajuu keenya argisiisuu dandeenya. (Yaq. 1:19) Tarii lubbuun hin duutu jedhanii akka amanan kan isaan godhe, nama jaallatan tokko du’aan waan dhabaniifi nama kana lammata argachuu waan hawwaniif ta’uu danda’a. Yookiinimmoo ayyaanota kan kabajan, yeroon kun maatiisaanii wajjin ta’uuf carraa waan isaanii argamsiisuuf ta’uu danda’a. Yaadasaanii dhaggeeffachuun keenya, miirasaanii hubachuufi karaa bu’a qabeessa ta’een isaan gargaaruuf nu fayyada.—Fak. 16:23.
4 Fakkeenya Yesus Hordofaa: Akkaataan Yesus nama Seera beeku tokkoof deebii itti kenne fakkeenya gaarii nuu ta’a. Yesus namichi kun maal gochuu akka qabu itti hin himne. Utuu kana godheera ta’ee, namichi amantiisaa waan jaallatuuf wanta inni jedhe fudhachuu dhiisuu danda’a ture. Kanaa mannaa Yesus, Caaffata Qulqullaa’oorraa caqasuudhaan ilaalchasaa akka ibsu gaafate, achiis fakkeenyatti fayyadamuudhaan murtoo tokkorra akka ga’u isa gargaare.—Luq. 10:25-37.
5 Dubbiin Waaqayyoo namoonni barumsa amantii sobaa akka dhiisan gochuu danda’a. (Ibr. 4:12) Namoota obsaan qabuudhaan, amantii sobaa akka dhiisaniifi dhugaa birmaduu isaan baasu akka fudhatan gargaaruu dandeenya.—Yoh. 8:32.