LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 5
  • Mala Qabeessa Taʼi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mala Qabeessa Taʼi
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Phaawulos Maal Godhe?
  • Phaawulosirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Phaawulos Hordofi
  • “Cimsaa Waaqayyoon Barbaadaatii . . . Argadhaa”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Gad Of Qabi
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Naannoo Tajaajilaa Keessaniif Ilaalcha Akkamii Qabdu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • “Barsiisuuttis Of Kenni!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 5

MARII JALQABUU

Phaawulos ergamaan namoota Ateenaatiif ragaa dhiheessaa jira.

HoE. 17:22, 23

BARUMSA 5

Mala Qabeessa Taʼi

Dhugaa buʼuuraa: “Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu . . . haa taʼu.”—Qol. 4:6.

Phaawulos Maal Godhe?

Phaawulos ergamaan namoota Ateenaatiif ragaa dhiheessaa jira.

VIIDIYOO: Phaawulos Namoota Ateenaatiif Lallabe

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Hojii Ergamootaa 17:22, 23 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Phaawulos gochawwan amantaa sobaa Ateenaa keessatti arge ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame?—Hojii Ergamootaa 17:16 ilaali.

  2. Phaawulos namoota Ateenaa balaaleffachuu mannaa, waaʼee wantoota itti amananii kaasuudhaan malaan misiraachicha kan isaanitti hime akkamitti?

Phaawulosirraa Maal Baranna?

2. Wanta dubbannu, akkaataa itti dubbannuu fi yeroo itti dubbannurratti kan of eeggannu yoo taʼe, namoonni ergaa keenya dhagaʼuuf caalaatti fedhii qabaatu.

Fakkeenya Phaawulos Hordofi

3. Jechoota itti fayyadamtu of eeggannoodhaan filadhu. Fakkeenyaaf, nama amantaa Kiristiyaanaa hin hordofne wajjin yeroo haasoftu, jechoota Kitaaba Qulqulluu ykn Yesuusiin ibsuuf itti fayyadamturratti sirreeffama gochuun si barbaachisuu dandaʼa.

4. Nama tokko sirreessuuf hin ariifatin. Yaada isaa bilisummaadhaan akka ibsu isaaf heyyami. Wanta Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu yoo dubbate isa hin falmin. (Yaq. 1:19) Isa dhaggeeffachuudhaan wanta itti amanuu fi sababii wanta sanatti amanuuf isa kakaase beekuu dandeessa.—Fak. 20:5.

5. Yeroo dandaʼamutti yaada isaarratti walii galuudhaan isa galateeffadhu. Wanti amantaan isaa barsiisu sirrii akka taʼe garaadhaa amana taʼa. Waaʼee wanta lamaan keessaniyyuu irratti walii galtanii dubbachuuf yaali; achiis suutuma suuta wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka hubatu isa gargaari.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Fak. 25:15; 2 Xim. 2:23-26; 1 Phe. 3:15

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi