LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lmd barumsa 4
  • Gad Of Qabi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gad Of Qabi
  • Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Phaawulos Maal Godhe?
  • Phaawulosirraa Maal Baranna?
  • Fakkeenya Phaawulos Hordofi
  • Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horadhaa—Gad of Qabuu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
lmd barumsa 4

MARII JALQABUU

Phaawulos ergamaan harkisaa harka eegduu tokkootti hidhamee utuu jiruu Agriiphaa Mooticha, Feesxos isa bulchaa taʼee fi Berniiqee kabajaan haasofsiisaa jira.

HoE. 26:2, 3

BARUMSA 4

Gad Of Qabi

Dhugaa buʼuuraa: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.”—Filp. 2:3.

Phaawulos Maal Godhe?

Phaawulos ergamaan harkisaa harka eegduu tokkootti hidhamee utuu jiruu Agriiphaa Mooticha, Feesxos isa bulchaa taʼee fi Berniiqee kabajaan haasofsiisaa jira.

VIIDIYOO: Phaawulos Agriiphaa Mootichaaf Lallabe

1. VIIDIYICHA ilaali ykn Hojii Ergamootaa 26:2, 3 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

  1. Phaawulos yeroo Agriiphaa Mooticha haasofsiisetti akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

  2. Phaawulos xiyyeeffannaa ofitti harkisuu mannaa, Agriiphaan Yihowaa fi Kitaabota Qulqulluurratti akka xiyyeeffatu kan godhe akkamitti?—Hojii Ergamootaa 26:22 ilaali.

Phaawulosirraa Maal Baranna?

2. Kan gad of qabnuu fi kabaja kan argisiisnu yoo taʼe ergaan keenya caalaatti namoota kan hawwatu taʼa.

Fakkeenya Phaawulos Hordofi

3. Karaa kabaja argisiisuun dubbadhu. Ati wanta hunda akka beektuu fi namni haasofsiistu garuu homaa akka hin beekne wanta fakkeessu dubbachuurraa of qusadhu.

4. Wanti barsiistu Kitaaba Qulqulluurratti kan hundaaʼe akka taʼe ifa godhi. Dubbiin Waaqayyoo yaadawwan garaa namootaa tuquu dandaʼan qabateera. Yeroo itti fayyadamnu amantiin isaanii buʼuura sirrii akka qabaatu isaan gargaarra.

5. Garraamii taʼi. Sirrii akka taate dirqama amansiisuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu. Falmii keessa seenuu hin barbaannu. Tasgabbaaʼuu fi iddoo sanaa yoom deemuu akka qabdu beekuudhaan akka gad of qabdu argisiisi. (Fak. 17:14; Tit. 3:2) Garraamummaadhaan deebii kennuun kee yeroo kan biraatti marii gaarii gochuuf carraa banuu dandaʼa.

CAQASOOTA KANAS ILAALI

Rom. 12:16-18; 1 Qor. 8:1; 2 Qor. 3:5

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi