LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Hagayya ful. 2
  • Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horadhaa—Gad of Qabuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horadhaa—Gad of Qabuu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Hamma Yaaduu Qabdan Caalaa Waaʼee Ofii Keessanii hin Yaadinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Hagayya ful. 2

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horadhaa—Gad Of Qabuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

  • Gad of qabuun Yihowaa wajjin walitti nu dhiheessa.—Far 138:6

  • Gad of qabuun namoota kaanii wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu taasisa.—Flp 2:3, 4

  • Koorri balaa guddaa geessisa.—Fak 16:18; His 28:17

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Gorsa gaafadhu, akkasumas hojii irra oolchi.—Far 141:5; Fak 19:20

  • Hojii namoonni kaan akka gad aanaatti ilaalan hojjedhu.—Mat 20:25-27

  • Dandeettiin ykn mirgi ati qabdu akka koortu akka si taasisu hin heyyamin.—Rom 12:3

Obboleessi tokko mana boolii Galma Walgaʼii qulqulleessaa jira

Ani hoo caalaatti amala gad of qabuu argisiisuu kanan dandaʼu karaawwan kamiini?

VIIDIYOO WANTOOTA AMANAMUMMAA MANCAASAN IRRAA FAGAADHAA—KOORA JEDHU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISAA:

  • Gorsi yeroo nuuf kennamu miirri nutti dhagaʼamu waaʼee ilaalcha keenyaa maal ibsa?

  • Kadhannaan amala gad of qabuu horachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

  • Karaawwan akka gad of qabnu itti argisiisnu kam faʼi?

FAKKEENYA KITAABA QULQULLUU IRRATTI XIINXALUU QABNU:

Namoota lafa irra jiraatan keessaa Yesuusiin kan qixxaatu hin jiru. Taʼus, gad of qabuudhaan warra kaan tajaajileera.—Mat 20:28; Yoh 13:3-5, 14, 15.

Akkana jedhii of gaafadhu, ‘Amala gad of qabuu Yesuus argisiise hordofuu kanan dandaʼu akkamiitti?’

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi