Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota; Fulbaana: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Onkoloolessa: Barruuleefi tiraaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? (T-26) jedhu.
◼ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufis ta’e geggeessuuf birooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamutti utuu hin ta’in, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhutti fayyadamuu qabna. Birooshurri Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhu hamma nu harkaa dhumutti tajaajilarratti raabsamuun ni danda’ama.
◼ Jiini Hagayyaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.
◼ Haasawaan sabaa daawwattoonni olaanaa aanaa ji’a Fulbaanaatii jalqabee dhiheessan matadureensaa, “Balleessaa Malee Deddeebi’aa” kan jedhu ta’a.
◼ Ajajni barreeffamaa babal’istoonni dhuunfaadhaan ergan waajjira damee biratti fudhatama hin qabu. Ajajni barreeffamaa ji’a ji’aan gara waajjira dameetti utuu hin ergamin dura, babal’istoonni barreeffamoota dhuunfaadhaan ajajaman argachuu barbaadan, tajaajilaa barreeffamaatti himuu akka danda’aniif, sassaabaan ilaaltuu olaanaa ji’a ji’aan beeksisni akka himamu gochuu qaba. Barreeffamoonni ajaja addaatiin argaman warra kam akka ta’aan hin irraanfatinaa.
◼ Lakkoofsi barreeffamaafi barruulee waggaa waggaan godhamu hanga danda’ametti Hagayya 31, 2008 ykn kanarraa baay’ee utuu hin fagaatin godhamuu qaba. Lakkoofsi kun, lakkoofsa qindeessaan barreeffamaa ji’a ji’aan godhuu wajjin walfakkaata. Ida’amni dimshaasha barreeffamootaa foormii (S-18 AM) jedhamurratti guutamuu qaba. Lakkoofsi ida’ama barruulee harkatti argaman tajaajiltoota barruulee harka argamuu qaba. Barreessaan gumii qindeessaa, lakkoofsa kana olaantummaadhaan to’achuu qaba. Inniifi sassaabaan ilaaltuu olaanaa gumii qindeessaa foormicharratti mallatteessu. Tokkoon tokkoon gumii qindeessaa foormii lakkoofsa barreefamaa (S-18AM) sadiitu ga’a. Akkasumas, gumiiwwan kophaasaanii Galma tokkotti gargaaraman foormiiwwan kana ni argatu. Koppii isa duraa guutaatii Fulbaana 6 dura gara waajjira dameetti ergaa. Koppii tokko galmee keessan keessa kaa’aa. Koppii sadaffaammoo yeroodhaaf kan itti guuttan ta’ee isin tajaajiluu danda’a.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKATTI ARGAMAN: Afaan Chaayinaa (Afaan salphaadhaan kan qophaa’e): Kiri’eeshin; Ingiliffa: DVDiidhaan: Jehoovaas Wiitnasis . . . Sheer Gud Niwus, jedhamuufi Aawor Asooseeshin oov Biraazars (dvjwa); CDdhaan: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?, Yihowaatti Dhihaadhu, Gammachuu Maatii, Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu, Namni Jaallannu Yeroo Du’u; mp3dhaan: Seenaa Macaafa Qulqulluu, Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?, Gammachuu Maatii, Barsiisaa Guddicharraa Barachuu, Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu, Waaqayyo Nurraa Maal Barbaada?, Faarfannaawwan Galataa, Hiika Addunyaa Haaraa, Saatisfaayiing Laayif.
◼ AMMAS KAN NU HARKA JIRAN: Amaariffa: Faarfannaawwan Galataa; Ingiliffa: Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Hubachuu, Baafata Mataduree Masaraa Eegumsaa 2001-2005; Afaan Faransaayi: Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu; Afaan Oromoo: Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?