Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Adoolessa 14 Jalqabu
Faarfannaa 3 (32)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa fuula 4rra jiran ykn naannoo keessaniif mijaa’aa ta’e kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Adoolessa 1fi Dammaqaan! Waxabajjii yommuu raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni haa dhihaatu.
Daq. 15: ‘Ija jabinaan’ Dubbachuuf Dandeettii Qabdaa? Haasawaa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2006 fuula 13-16rratti hundaa’uudhaan dhihaatu. Ija jabinaan lallabuun barbaachisaa ta’uusaa addeessi.
Daq. 20: “Walga’ii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2008.” Keeyyata 2rra yommuu geessu, gumiin keessan walga’ii koonyaa kan godhu yoom akka ta’e dubbadhu.
Faarfannaa 26 (212)
Torban Adoolessa 21 Jalqabu
Faarfannaa 25 (204)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Dhaggeeffattoonni walga’ii tajaajilaa itti aanurratti Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1fi Dammaqaa! Waxabajjii fidanii dhufuudhaan akkaataawwan dhiheenyaa naannoosaaniitiif mijaa’aa ta’anirratti akka yaada kennan yaadachiisi.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 20: “Deddeebii Gaaffii Bu’a Qabeessa Ta’e Gochuuf Qophiin Barbaachisaadha.” Keeyyata 2 yommuu xumurtu, waa’ee nama fedhii qabu tokkoo yaadannoo gaarii qabachuun barbaachisaa ta’uusaa addeessi. Iddoon sun yaadannoo qabachuuf mijaa’aa miti taanaan, bakka xiyyeeffannaa namootaa hin harkisnetti adeemuudhaan yaadannoo qabachuun akka danda’amu caqasuu dandeessa. Babal’isaan tokko deddeebii gaaffiitiif yommuu qophaa’u kan argisiisu ofhaasiin daqiiqaa afurii akka dhihaatu godhi. Yaadannoosaa irra deebi’ee erga ilaalee booda, Sanbadduraafi Dilbata namoota lamaaf deddeebii gaaffii gochuu akka qabu dubbata. Tokkoon tokkoonsaanii wajjin yeroo darbe waa’ee maalii akka mari’atan yaada; achiis galma baafata galmasaa kanas akkamitti raawwachuu akka danda’u qophaa’a. Inni tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqabu afeeruuf qophaa’a. Isa kaanimmoo yaadawwan keeyyata 5rratti dhihaatanitti fayyadamuudhaan fedhiisaa kakaasuuf qophaa’a.
Faarfannaa 18 (162)
Torban Adoolessa 28 Jalqabu
Faarfannaa 4 (43)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Adoolessaa akka deebisan yaadachiisi. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi. Barreeffama ji’a Hagayyaatti raabsamu caqasi; achiis hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Miira Ariitii Keenya Eegachuu. Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2007, fuula 7, 8 keeyyata 17-21rratti hundaa’uudhaan haasawaa miira ho’aadhaan dhihaatu.
Daq. 20: Barruulee Haaraa Ba’an Raabsaa. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu. Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1fi Dammaqaa! Waxabajjiirratti ibsa gabaabaa erga kennitee booda, mata dureen xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaasaanii harkisu isa kam akka ta’eefi maaliif akka ta’e dhaggeeffattoota gaafadhu. Barruu sana keessaa mata duree isa kamiin maree jalqabuuf akka karoorfatan akka dubbatan afeeri. Maree jalqabuuf gaaffii akkamii gaafachuu dandeenya? Barruu sana keessaa caqasa isa kam dubbisuu dandeenya? Akkaataa dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarra jirutti ykn dhaggeeffattoonni caqasanitti fayyadamuudhaan, barreeffamoonni lamaan kun akkamitti raabsamuu akka danda’an hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 9 (37)
Torban Hagayya 4 Jalqabu
Faarfannaa 29 (222)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Ijoolleenkee Qorumsa Mana Barumsaatti Isaan Mudatu Mo’uuf Qophaa’aniiru? Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Qorumsawwan dargaggoota Kiristiyaana ta’an mana barumsaatti mudatan tokko tokko ibsi. Warriifi ijoolleen Baafata Masaraa Eegumsaatti fayyadamuudhaan yaadawwan tokko tokko akkamitti argachuu akka danda’an ibsi. Fakkeenya tokko tokko kenni. (Mataduree “Manneen Barumsaa” jedhu jalatti mata duree xiqqaa “muuxannoowwan” jedhu ilaali.) Obboloonni maatii Kiristiyaanaa keessatti guddatan, qorumsa mana barumsaatti isaan mudatu mo’uufi seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf warrisaanii akkamitti akka isaan qopheessan akka dubbatan afeeri. Kana malees, barreeffama mana barumsaatti dhiheessaniif barruun Dammaqaa! akkamitti akka isaan gargaare dubbachuu danda’u. Hiriyoota mana barumsaatiif lallabuunsaanii akkamitti eegumsaa akka isaanii ta’e gaafadhu.
Daq. 20: “Da’oo Jajjabaa Ni Jigsina.” Dhaggeeffattoonni, namni Macaafa Qulqulluu isaan gayyabsiise, barumsa amantii sobaa cimsanii itti amanaa turan akka dhiisan akkamitti obsaan akka isaan gargaare akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 17 (187)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee, gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.