Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Hagayya 25, 2008 jalqabutti kan irratti mari’atamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamoota, gaaffilee irra deebii torban Adoolessa 7 jalqabuu hanga Hagayya 25, 2008rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa.
MALA HAASAWAA
1. Waa’ee dhugaa namoota kaanitti yeroo himnu sababii qabeeyyii ta’uu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Filp. 4:5) [be ful. 251 key. 3]
2. Namoota Macaafa Qulqulluutti hin amanneef yeroo lallabnu, fakkeenyi Phaawulos Aariyophaagositti Giriikotaaf lallabe kan nu gargaaru akkamitti? (HoE. 17:22, 23) [be ful. 252 key. 1-2]
3. Namni haasofsiisnu akka dogoggore beeknus, sababii qabeeyyii ta’uu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 253 key. 1-2]
4. Haasawaan keenya kan namoota amansiisu akka ta’uuf yeroo carraaqnu maal yaadachuu qabna? [be ful. 255 key. 3, saanduqa]
5. Garaa dhaggeeffattootaa tuquuf hubannaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fak. 20:5) [be ful. 258 key. 1-5]
HAASAWAA LAK. 1
6. Yoomessa kennametti fayyadamuu ilaalchisee obboleettonni maal yaadachuu qabu? [be ful. 44 key. 5-6l]
7. Obboloonni yaada ijoo dubbisa Macaafa Qulqulluu yeroo dhiheessan kaayyoonsaanii maal ta’uu qaba? (Nah. 8:8) [be ful. 47 key. 2-3]
8. Obboleessi Walga’ii Tajaajilaarratti kutaa hojiin argisiisa ykn gaafannoo qabu kennameef akkamitti dhiheessuu qaba? [be ful. 49 key. 5]
9. Macaafni Hojii Ergamootaa haalaafi bal’ina hojiin lallabaa itti raawwatamu kan ibsu akkamitti? (HoE. 20:20, 21; 28:23) [si p. 204 par. 35]
10. Obboleessi haasawaa sabaa dhiheessu haasawaansaa Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’e ta’uusaa mirkaneessuuf maal gochuu qaba? (HoE. 17:2, 3) [be ful. 52 key. 6–ful. 53 key. 2]
DUBBISA M.Q.
11. Namichi Filiphisiiyus eegduu mana hidhaa ture ‘of ajjeesuu kan barbaade’ maaliifi? (HoE. 16:25-27) [w90 5/15 ful. 25, saanduqa]
12. Arisxaarkosiifi Gaayos ari’atama isaanirra ga’eef deebii maalii kennan? (HoE. 19:29; 20:4, 5) [w08 2/15 ful. 10 key. 16-17]
13. Jechi Saa’ol “arfii sibiilaarra yoo ejjette” jedhu maal jechuudha? (HoE. 26:14, hiika bara 1899) [w03 10/1 ful. 32]
14. Abboommii Waaqayyo kenneen cubbuun Israa’eloota ‘qabachuu’ kan danda’e akkamitti? (Rom. 7:8, 11) [w08 6/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Roomaa”]
15. Diinni keenya ‘gaabbee akka yeella’u gochuu [“barbadaa ibiddaa mataasaarra tuuluu,” NW]’ kan dandeenyu akkamitti? (Rom. 12:20) [w08 6/15 “Dubbiin Yihowaa Jiraataadha—Yaadawwan Ijoo Macaafa Roomaa”]