LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/08 ful. 6
  • Kitaaba Ragaa Dhiheessuu Jedhamutti Fayyadamaa Jirtaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Ragaa Dhiheessuu Jedhamutti Fayyadamaa Jirtaa?
  • Tajaajila Mootummaa—2008
Tajaajila Mootummaa—2008
km 12/08 ful. 6

Kitaaba Ragaa Dhiheessuu Jedhamutti Fayyadamaa Jirtaa?

1. Phaawulos ergamaafi Yesus namoota kan barsiisan akkamitti?

1 Phaawulos ergamaan ‘dubbii ‘Macaafa Qulqulluu’ namootatti dubbachuuf carraaqaa ture. (HoE. 17:2, 3; 18:19) Akkas gochuudhaan Yesus isa yeroo hundaa Caaffata Qulqullaa’oorraa caqasuufi fakkeenyatti fayyadamee dhaggeeffattoonnisaa fedha Waaqayyoo akka hubatan gargaaree hordofeera. (Mat. 12:1-12) Kitaabni Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu jedhamu kaayyoo kanaaf kan qophaa’edha.

2. Yaadawwan seensaa bu’a qabeessa ta’anitti fayyadamuuf kitaaba Ragaa Dhiheessuutti gargaaramuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Yaadawwan Seensaa Bu’a Qabeessa Ta’an Qophaa’uu: Kitaabni Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu yaada seensaa maree jalqabuuf gargaaru ful. 9-15⁠rratti qabateera. Keessumaa naannoo tajaajilaa irra deddeebitee hojjettu taanaan, akkaataawwan dhiheenyaa addaddaa baruufi fayyadamuun gaarii si’a ta’u, kunis haalli ati itti tajaajiltu akka miidhaguufi akka barbaachisummaasaatti yaada seensaa jijijjiiruuf si gargaara. Mooraa eegumsi cimaan godhamuufitti bilbila gamoo sana keessa jiruun kan haasofsiiftu taanaan, akkaataa dhiheenyaakee kallattiin kitaabicharraa dubbisuu dandeessa ta’a.

3. Yaanni kitaaba Ragaa Dhiheessuu fuula 16-24⁠rra jiruufi tajaajilarratti nu gargaaruu danda’u maalidha?

3 Yeroo Namoonni Maree Dhaabsisan Nu Mudatan: Tajaajila jalqabuukee dura daqiiqaa muraasa fudhattee, wanta namoonni haasofsiistu maree dhaabsisuuf dubbataniifi fuula 16-21⁠rratti maaliif hin yaaddu? Namoonni ati haasofsiiftu amantiinsaanii Budiizmii, Hinduzimii, Yudiizimii ykn Musiliimaa? Taanaan odeeffannoon fuula 21-24⁠rra jiru si gargaara.

4. Yaanni wal nama falmisiisu ykn gaaffiin yeroo nu mudatu kitaaba Ragaa Dhiheessuutti fayyadamnee deebisuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Gaaffiiwwan Deebisuu: Kitaabni Ragaa Dhiheessuu jedhamu gaaffiin ykn dhimmi wal nama falmisiisu yeroo ka’utti deebii kennuufis nu gargaara. Dhimmicha ilaalchisee yaada qalbii namaa hawwatu tokko itti argisiisuu akka barbaaddu namichatti himiitii kitaabicha banii mataduricha itti argisiisi. Mataduree guddaa yaada ani barbaadu qaba jettee yaaddu ilaali. Achii booda daddafiitii gaaffii qubee fufurdaatiin barreeffaman ilaali. Yaada barbaadde saffisaan argachuu baannaan, baafata mataduree dhuma kitaabicharra jiru ilaali. Yaada barbaadde yoo argatte kallattumaan kitaabichaarraa dubbisiif. Caqasa murtaa’e tokkorratti mari’achaa jirtu taanaan yaada barbaadde fuula 445⁠rratti mataduree “Caqasoota Iddoo Malee Caqasaman” jedhu jalaa argachuu dandeessa.

5. Faayidaawwan kitaabni Ragaa Dhiheessuu qabu tokko tokko maalfa’i?

5 Faayidaawwan Biraa: Babal’istoonni tokko tokko gaaffii bakka hojiitti ykn mana barumsaatti, ‘Guyyoota ayyaanaa maaliif hin kabajjan?’ jechuun dhihaatuuf deebii kennuuf akka isaan gargaaruuf kitaaba Ragaa Dhiheessuu fudhatanii deemu. Dargaggoonni mataduree “Uumama” fi “Jijjiirama Tirannaa” jedhurratti yaanni argamu gabaasa mana barumsaa dhiheessuuf akka isaan fayyade hubataniiru. Nama dhukkubsate ykn nama jaallatu du’aan dhabe gaafachuu yaaddeettaa? Yaadawwan mataduree “Jajjabina” jedhu jalatti argamu Caaffata Qulqullaa’aa isa jajjabeessuuf si gargaaran qabateera. Kitaabni Ragaa Dhiheessuu obboloonni haasawaa sabaa kennuufis ta’e, walga’ii tajaajila dirree geggeessuuf yaada gargaaru qabateera.

6. Yeroo lallabnu kaayyoon keenya maalidha?

6 Yeroo lallabnu kaayyoon keenya maree goonuun mo’uufi ergicha dabarsuu qofa miti. Caaffata Qulqullaa’oorraa akka gaariitti ragaa dhiheessuu barbaanna. Kitaaba Ragaa Dhiheessuutti akka gaariitti fayyadamna taanaan, akkaataa barsiisuu keenyaaf of eeggachaa akka jirru argisiisna.—1 Xim. 4:16.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi