Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Tiraaktiin Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhu afaan torbaan, koppiin 400,000 ol raabsameera. Namichi magaalaa tokko keessa jiraatu “sunaamii fakkaata” jechuudhaan dubbateera. Deddeebiin gaaffii 93,000 ol ta’u kan godhame yommuu ta’u, kunis fooyya’iinsa gaariidha. Tiraaktiin kun qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf akka gargaarutti waan qophaa’eef itti fayyadamuu keenya itti fufna.
Gabaasni ji’a Sadaasaa, baay’inni babal’istoota biyyichaa 8,363 akka ta’e argisiisa. Akkasumas, tajaajilli waggaa kanaa ji’oota sadan darbanii parsantii 2an guddina argisiiseera. Waggaa darbe gumiiwwan babal’istoota haaraa 12, 13, 14fi darbeeyyuu 17 argatanii turan, baranas namoonni haaraa hedduun tarkaanfii fudhachaa jiru!
Amma duula addaa geggeeffamurratti xiyyeeffanna. Hanga walakkaa ji’a Muddeetti obboloota biyya alaa shan keessa jiraatanirraa iyyanni kan nu ga’e yommuu ta’u, obboloonni kun dhufanii hojii lallabaatiin nu gargaaruuf baasii guddaa isaan gaafata. Kana malees, obboloonni biyya keessaa gara 400 ta’an bakka fagoo dhaqanii tajaajiluuf iyyata galchaniiru. Namoota fedhii argisiisan akka gaariitti yaadannoo qabachuudhaan xiyyeeffannaan deddeebii gaaffii akka godhan abdii guddaa qabna.