Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Waxabajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Adoolessaafi Hagayya: Birooshuroota; Fulbaana: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
◼ Biyyoota teessoonsaanii gabaasa tajaajila waggaa dhihootti ba’ee ykn fuula dhumaa Kitaaba Waggaarratti hin baanee dhaquuf yommuu karoorfattan, waajjira damee biyya keessanii gaafachuudhaan of eeggannoo gochuun isin barbaachisuufi qajeelfama hordofuu qabdan mirkaneeffadhaa. Tarii, hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyichatti raawwatan kan dhowwame ta’uu danda’a. (Mat. 10:16) Biyyoota tokko tokkotti namoonni biyya alaatii dhaqan, Dhugaa Baatota biyyichaa ykn gumii wajjin wal arguun isaaniif hin heyyamamu ta’a. Barreeffamoota qabachuu dandeessan ykn karaa alidilee ta’een dhugaa ba’uu ilaalchisees qajeelfamni gara biraan isinii kennamuu danda’a. Qajeelfama kennamu hordofuun, isinirras ta’e hojii Mootummicharratti rakkoo hin barbaachifne akka hin geenye godha.—1 Qor. 14:33, 40.