Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti kan irratti mari’atamanidha.
1. Seera Ba’uu 23:19rratti kennamerraa barumsa maalii arganna? [w06 4/1 ful. 31 key. 1-5]
2. Uriimiifi Tumiimiin maalidha? Israa’el durii keessatti tajaajilaa kan ture akkamitti? (Bau. 28:30) [w06 1/15 ful. 18; w01 9/1 ful. 27]
3. Yihowaan [“fuuluma fuulatti,” hiika bara 1899] Musee wajjin kan haasa’e akkamitti? (Bau. 33:11, 20) [w04 3/15 ful. 27]
4. Israa’eloonni yeroo godoon qulqullaa’aa ijaarame, qabeenyaafi ogummaa qabaniin arjooma isaan argisiisanirraa maal baranna? (Bau. 35:5, 10) [w99 11/1 ful. 31 key. 1-2]
5. Golgaan Ba’uu 40:28rratti caqasame mana qulqullummaa hafuuraa Waaqayyoo isa guddaa keessatti maal bakka bu’a? [w00 1/15 ful. 15 key. 7-8]
6. Aarsaan bara durii iddoo aarsaarratti guutummaatti ‘gubamee’ dhihaatu, waa’ee aarsaa Yesus maal nu hubachiisa? (Lew. 1:13) [w04 5/15 ful. 21 key. 3]
7. Caqasa ‘moorri hundinuu kan Yihowaati’ jedhurraa maal hubanna? (Lew. 3:16, 17) [w04 5/15 ful. 22 key. 2]
8. Dhiigni korbeessa hoolaa qalamee, fiixee gurra mirgaa, abgudduu harka mirgaa, abgudduu miilla mirgaa Aaroniifi ilmaansaatti kan facaafamu maaliif ture? (Lew. 8:23, 24) [it-2 ful. 1113 key. 4]
9. Maatii Yesus ilaalchisee Lewwoota 12:8rraa maal hubanna? Kanarraa barumsa akkamii arganna? [w98 12/15 ful. 6 key. 5]
10. Aarsaan horii, Israa’el durii keessatti waggaatti al tokko Guyyaa Araaraatti dhihaachaa ture, aarsaa furii Yesusiif gaaddidduu kan ta’u akkamitti? (Lew. 16:11-16) [w98 2/15 ful. 12 key. 2]