Sagantaa Torban Hagayya 3 Jalqabu
TORBAAN HAGAYYA 3 JALQABU
Faarfannaa 9 (37)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Lak. 4-6
Lak. 1: Lak. 4:1-16
Lak. 2: Gaaffii Baay’ee Barbaachisaa Dhaaba Eedenitti Ka’e (bh boq. 11 key. 10-14)
Lak. 3: Namnii Tokko Jireenya Gammachuu Dhugaa Qabu Argachuuf Samii Dhaquu Qabaa?(rs ful. 163 Key. 4-6)
❑ Walga’ii Tajaajila:
Faarfannaa 20 (93)
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Naannoo babal’istoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan ykn naannoo darbee darbee hojiin lallabaa itti hojjetame dhaqanii tajaajiluudhaan, babal’istoota muuxannoo qaban lama ykn sadiif gaafannoo godhii. Bakka kana dhaquusaanii dura sodaa akkamii qabu turan? Kana mo’u kan danda’an akkamitti? Yihowaan carraaqqiisaanii kan eebbise akkamitti? Muuxannoo tajaajilarratti argataniifi isan gammachiise tokko ykn lama akka dubbatan ykn gabaabsanii hojiin argisiisaan akka dhiheessan gaafadhu.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Dandeettii Barsiisu Fooyyeffachuuf, Yihowaatti Amanami. Kitaaba Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii ful. 56, key. 1 hanga ful. 57, key. 2rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamu.
Faarfannaa 18 (162)