Sagantaa Torban Onkoloolessa 12 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 12 JALQABU
Faarfannaa 14 (117)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Kes. 4-6
Lak. 1: Kes. 4:15-28
Lak. 2: Ijoolleen Maatiin Gammachuu Akka Argatu Gochuu Kan Danda’an Akkamitti? (bh boq. 14 key. 17-21)
Lak. 3: Wanti Muraasni Ni Wayya Jedhamuu Kan Danda’amu Yoomi? (Fak. 15:16)
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 1 (13)
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuu. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu ful. 98, key. 1 hanga ful. 99 key. 1rratti hundaa’uudhaan haasawaadhaan kan dhihaatu. Babal’istoonni, nama tokko dhugaa barsiisuudhaan gammachuu akkamii akka argatan gabaabsanii akka dubbatan gaafadhu.
Daq. 10: Barreeffama Onkoloolessatti Raabsamu. Hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Inni tokko gaaffii yeroo deddeebiin gaaffii godhamu deebifamu kan qabate haata’u. Kaanimmoo jalqabarratti akkamitti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun akka danda’amu kan argisiisu haata’u. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaa booda, wanta kanarraa hubatan ilaalchisee dhaggeeffattootaa wajjin maree gabaabaa godhi.
Daq. 10: “Karaa Alidilee Ta’een Lallabuuf Qophooftaniittuu?” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.
Faarfannaa 26 (212)