Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Onkoloolessa 26, 2009 jalqabutti kan irratti mari’atamanidha.
1. Yihowaan Bala’aam namoota Balaaqii wajjin akka deemu erga itti himee booda, isaanii wajjin deemuusaatti kan aare maaliif ture? (Lak. 22:20-22) [w04 8/1 ful. 27 key. 2]
2. Fiinehaas Yihowaaf ‘hinaafuunsaa,’ waadaa yommuu Waaqayyoof of murteessinu goonerratti xiinxaluuf kan nu gargaaru akkamitti? (Lak. 25:11) [w95 3/1 ful. 17 key. 13]
3. Iyaasuun, Musee akka bakka bu’u kan filatame maaliif ture? (Lak. 27:15-19) [w02 12/1 ful. 12 key. 1]
4. Yaanni Lakkoobsa 31:27rra jiru Kiristiyaanota yeroo har’aa jiran kan jajjabeessu akkamitti? [w05 3/15 ful. 24]
5. Qophiin mandaroonni kooluu itti galanii namoota Israa’el keessa jiraniif faayidaa kan argamsiisan karaawwan kamiin ture? (Lak. 35:11, 12) [w95 11/15 ful. 14 key. 17]
6. Hubannaan amala Kiristiyaanaa isa barbaachisaa ta’edha kan jennu maaliifi? Bu’aansaahoo maalidha? (Kes. 1:13) [w03 1/15 30; w00 10/1 ful. 32 key. 1-3]
7. Seerri Musee Waaqayyo qajeelaa ta’uusaa kan argisiisu karaawwan kamiini? (Kes. 4:8) [w02 6/1 ful. 14 key. 8–ful. 15 key. 10]
8. Haala Keessa Deebii 6:16-18 wajjin walsimuun karaa itti Yihowaa qoruun sirrii ta’eefi sirrii hin taane ibsi. [w04 9/15 ful. 26 key. 6]
9. Sabni Israa’el dubbii afaan Yihowaa keessaa ba’uun kan jiraatan akkamitti? Nuunoo yeroo har’aatti dubbiin afaansaa keessaa ba’u nu jiraachisuu kan danda’u akkamitti? (Kes. 8:3) [w99 8/15 ful. 25-26]
10. Yaanni Keessa Deebii 12:16, 24rra jiru ilaalcha namni tokko dhiigaa ofiisaatti fayyadamee yaalamuuf qabu kan tuqu akkamitti? [w00 10/15 ful. 30 key. 7]