Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Waggaa tajaajilaa 2009tti, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu geggeessuuf xiyyeeffannaan addaa kennameera. Fakkeenyaaf, Tajaajilli Mootummaa Muddee 2008, gumiiwwan hundi, “ji’oota hundaatti Sanbadduraafi Dilbata qayyabannaa Macaafa Qulqulluu afeeruurratti” xiyyeeffatan akka qabaatan jajjabeessee ture. Kunis bu’aa gaarii argamsiiseera. Kanaaf, Bitootessa 2009tti Itoophiyaa keessatti qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu 7,077 argachuudhaan lakkoofsa haaraa arganneera!
Lakkoofsi deddeebii gaaffiifi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Caamsaa giddu galeessaan armaan gaditti ibsameera:
Gi.Ga. De/Ga. Gi.Ga. Q/M.Q.
• Qajeelchaa addaa: 81.7 6.0
• Qajeelchaa: 25.3 1.7
• Babal’isaa gumii: 5.3 0.4
Atoo dhuunfaatti maal raawwatteetta? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu meeqa geggeessaa jirta?
Waggaa tajaajilaa 2009itti dimshaashumatti bartoonni haaraan 558 ta’an cuuphamaniiru. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf galma qabaachuudhaan deddeebii gaaffii gochuu keessan itti fufaa. Kunis bartoota haaraa dabalataa argamsiisa.—Mat. 28:19, 20