Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Muddee 28, 2009 jalqabutti kan irratti mari’atamudha.
1. Kiristiyaanonni yeroo har’aa jiran, seera bu’uuraa Keessa Deebii 14:1rra jiru hojiirra oolchuu kan danda’an akkamitti? [w05 1/1 ful. 28; w04 9/15 ful. 27 key. 5]
2. Seerri bu’uuraa Keessa Deebii 20:5-7rra jiru yeroo har’aatti gumii Kiristiyaanaa keessatti hojiirra oolchamuu kan danda’u akkamitti? [w04 9/15 ful. 27 key. 6]
3. Haala waraanaa wajjin wal qabateen, sabni Israa’el saboota kaanirraa adda kan ture akkamitti? (Kes. 20:10-15, 19, 20; 21:10-13) [cl ful. 161, key. 17]
4. Wanti gammachuu garaarraa maddeen Yihowaa tajaajiluuf nu gargaaruu danda’u maalidha? (Kes. 28:47) [w95 1/15 ful. 16 key. 4-5]
5. Jaalala Yihowaan saba Israa’eliif qabuu wajjin haala wal qabateen, warri wanta Keessa Deebii 32:9, 11, 12rratti wal bira qabamee ibsamerraa barumsa maalii argatu? [w01 10/1 ful. 9, 10 key. 7-9]
6. Rahaab gaaddota ilaalchisee wanta namoota mootichi erge gowwoomsuuf dubbate kan hubannu akkamitti? (Iya. 2:4, 5) [w93 12/15 ful. 25 key. 1]
7. Seenaan Israa’elootaa Iyaasuu 3:15, 16rra jiru barumsa maalii nuu kenna? [w04 12/1 ful. 9 key. 6]
8. Akkaataa Iyaasuun hanna Akaan raawwate itti qaberraa barumsa maalii arganna? (Iya. 7:20-25) [w04 12/1 ful. 11 key. 4]
9. Yaanni Iyaasuu 9:22, 23rra jiru Dubbiin Waaqayyoo akka raawwatamu kan mirkaneessu akkamitti? [w04 12/1 ful. 11 key. 3; si ful. 44, key. 13]
10. Fakkeenya Kaalebirraa yaada nama jajjabeessu akkamii arganna? (Iya. 14:8, 10-12) [w04 12/1 ful. 12 key. 2; w93 5/15 ful. 29 key. 1]