Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman Bitootessa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?; Eblaafi Caamsaa: Barruulee; Waxabajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
◼ Barruuleen Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! haaraan akkuma dhufaniin babal’istootaaf kennamuu qabu. Akkas godhamuunsaa, babal’istoonni barruulee kana tajaajilarratti raabsuusaanii dura yaadasaa wajjin akka wal baran isaan taasisa.
◼ Ayyaanni Yaadannoo Kibxata, Bitootessa 30, 2010 (akka lakkoofsa Itoophiyaatti Bitootessa 21, 2002) kabajama. Ayyaana Yaadannoorratti, birooshura faarfannaa isa haaraarraa faarfannaa lakkoofsa 8fi 5 faarfanna. Gumiin keessan guyyaa Kibxataa taanaan, walga’iin sun torbanuma sana keessa guyyaa kan biraatti akka dabarfamuuf carraaqqiin godhamuu qaba. Gumiiwwan hedduun Galma Mootummaa tokkotti kan fayyadamaniifi guyyaa kan biraatti dabarsuun kan hin danda’amne taanaan walga’icha hambisuun ni danda’a. Kutaawwan Walga’ii Tajaajilaa gumii keessaniif caalaatti barbaachisaa ta’aniifi torban sanatti dhihaatan, Walga’ii Tajaajilaa kan biraarratti akka dhihaatan gochuun ni danda’ama.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKA JIRAN: Ingiliffa: Wochtaawar Laayibrarii 2009.
◼ BARREEFFAMOOTA AMMAS NU HARKA JIRAN: Ingiliffa: Konkordaansii, Ool Iskiriipcharsi, Riiziniingi, Jaallee Waaqayyoo, Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?, Namni Jaallattan Yeroo Du’u, Jehoovaas Wiitnasis-Huu Aar Zey?, Wondarsi oov Kiri’eeshin (dvea), Noohaa eendi Deevid (dvnad), Yunaayitid baay Divaayin Tiichiingi (dvun), akkasumas Bilad Tiraanisfiiwushin siiriyas oon DVD.