Torban Ebla 5 Jalqabu
TORBAN EBLA 5 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 5 key. 1-6, saanduqoota ful 52, 55
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Sam. 16-18
Lak. 1: 1 Sam. 18:1-16
Lak. 2: ‘Ibiddi Qililleen’ Yesus Caqase Maalidha? (rs ful. 173 key. 2-174 key. 1)
Lak. 3: Keessummoota Simachuutti Dhimmuu Kan Qabnu Maaliifi? (Rom. 12:13)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Namni Haasofsiistan, ‘Waaqayyotti Hin Amanu’ Yoo Jedhe. Kitaaba Ragaa Dhiheessuu, fuula 150-152rratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Namoota Ayyaana Yaadannoorratti Argamanii Turaniifi Fedhii Argisiisan Deebi’aa Gaafadhaa. Haasaadhaan kan dhihaatu. Ayyaana Yaadannoorratti namoonni meeqa akka argamaniifi muuxannoowwan argaman dubbadhu. Hundisaanii namoota Ayyaana Yaadannoorratti argamanii turaniifi fedhii argisiisan deebi’anii akka gaafataniifi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf galma akka baafatan jajjabeessi. Haasaa addaarrattis akka argaman isaan afeeruu qabu. Babal’isaan tokko nama fedhii qabu haasaa addaa kanaaf yommuu afeeru kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.