LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/10 ful. 3-4
  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame
  • Tajaajila Mootummaa—2010
Tajaajila Mootummaa—2010
km 3/10 ful. 3-4

Xalayaa Qaama Olaanaarraa Ergame

Dhugaa Baatota Yihowaa Jaallatamoo Hidhata Keenya Taatan:

Maqaa Yihowaa, isa uumama cufarratti olaanaa ta’een waamamuuf mirga guddaa arganneerra! Maqaan kun kan barabaraa, kan hin banneefi homtinuu kan isaan hin qixxaannedha. Maqaa kanaan waamamuuf mirga kan nuuf kenne Yihowaadha; keessumaa bara 1931 kaasee maqaa adda ta’e kanan waamamna. (Isa. 43:10) Maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun waamamuu keenyas, akka ulfina guddaatti ilaallaa.

Seexanni maqaa Waaqayyoo balleessuuf carraaqqii walirraa hin cinne godha. Saboonni to’annaasaa jala jiran maqaa Yihowaa ni jibbu. Baabilon guddittiin, isheen bulchiinsa amantii sobaa taate, maqaa Waaqayyoo kan jibbitu ta’uusheerrayyuu, hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduu keessaa baasteetti. Haala kanarraa faallaa ta’een, Yesus duuka buutotasaa kadhannaa yeroo barsiisu jalqabarratti caqasuudhaan, maqaa Abbaasaatiif bakka guddaa kenneera. Akkas jedheera: “Egaa yommuu kadhattan, ‘Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu.’” (Mat. 6:9) Booddees kadhannaa Abbaasaatiif dhiheesserratti, “Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee beeksiseera” jedheera. (Yoh. 17:6) Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, yeroo kamiyyuu caalaa jabinaan maqaa Yihowaa addunyaa maratti labsuuf murteessineerra.

Caqasni waggaa 2009, “Wangeela Waaqayyoof Guutummaatti Dhugaa Ba’aa!” jedhu, tajaajila keenya guutummaatti raawwachuuf nu kakaaseera. (HoE. 20:24, NW) Waggaa tajaajilaa darbe kanatti, Yihowaan carraaqqii keenya guddisee akka nuuf eebbise hin shakkisiisu. Addunyaa maratti ulfinaafi kabaja maqaa Yihowaatiif bal’inaan dhugaa ba’ameera. Lakkoofsi babal’istootaa haaraa 7,313,173 ta’an lallabuurratti hirmaataniiru; akkasumas namoota garaa qajeelaa rakkina guyyaa guyyaatti isaan mudatuuf furmaata argachuu barbaadan barsiisaniiru. Namoonni 18,168,323 ta’an Ayyaana Yaadannoo du’a Kiristosirratti argamuunsaanii, sirni wantootaa hamaan kun baduusaa dura namoonni maqaa Yihowaa waammataniifi miliyoonaan lakkaa’aman kan biraan akka dhufan abdii kan kennudha.

Hanga Yihowaan heyyametti, karaa arganne hundatti fayyadamnee namoota naannoo keenya jiraniif misraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufna. (Mat. 24:14; Mar. 13:10) Manaa gara manaatti, karaarratti, xalayaadhaan, bilbilaan ykn karaa alidilee ta’een hanga dandeenye namoota baay’eedhaaf lallabuudhaan, maqaan Yihowaafi kaayyoonsaa akka beekamu gochuuf haa carraaqnu.

Yihowaan yeroo dhihootti maqaasaa qulqulleessuuf tarkaanfii akka fudhatu amanuuf sababii ga’aa qabna. (His. 36:23) Yeroon namoonni maqaasaa xureessan hundi afaansaanii itti qabatan hatattamaan dhihaachaa jira. Guyyaan kun tajaajiltoota Yihowaa amanamoo maqaasaa beeksisaniifi olaantummaasaa deggeraniif guyyaa dinqisiisaadha!

Kunuunsi Yihowaan sabasaatiif jaalalaan godhu, Walga’ii Koonyaafi Walga’ii Biyyoolessaa 2009 “Dammaqinaan Eegaa!” jedhamuun addunyaa maratti godhamerratti mul’ateera. Walga’iin koonyaa kun seenaa ti’ookraasii keenya keessatti bakka guddaa kan qabuufi yeroo kamiyyuu caalaa guyyaa Yihowaa dammaqinaan eeguun barbaachisaa ta’uusaa kan nu hubachiise ture.—Mar. 13:37; 1 Tas. 5:1, 2, 4.

Yihowaan gaarummaa nutti argisiisuudhaan, garaa keenya gammachuudhaan guuteera. Inni marga lalisaa keessa nu boqochiisa; akkasumas laga itti aara galfatanitti nu geessa.—Far. 23:1, 2; 100:2, 5.

Ji’oottan ittaananitti hinaaffaadhaan Mootummicha yeroo labsitan, Yihowaan isin eebbisuusaa akka itti fufu mirkanaa’oo ta’uu dandeessu!

Jaalalli keenya onneerraa maddeefi obboloota addunyaa maraatiif qabnu isin haa ga’u,

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi