Torban Bitootessa 22 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 22 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 4, saanduqoota ful. 46-49
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Sam. 10-13
Lak. 1: 1 Sam. 10:17-27
Lak. 2: ‘Dhiphinni Barabaraa’ Macaafa Mul’ataa Keessatti Ibsame Hiiknisaa Maalidha? (rs ful. 172 key. 4-173 key. 1)
Lak. 3: Barumsi Jijjiirama Tirannaa Kiristiyaanummaa Wajjin Kan Wal Hin Simne Maaliifi?
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa. Ayyaana Yaadannoo ilaalchisee beeksisni dhumaa yoo jiraate dabalii dhiheessi.
Daq. 15: Maxxansa Addaa Masaraa Eegumsaa Ebla 1 Raabsuuf Qophaa’aa. Qabiyyee maxxansa addaa kanarratti mari’adhaa. Dhaggeeffattoonni barruu kana raabsuuf gaafiifi caqasa itti fayyadamuuf yaadan akka dubbatan gaafadhu. Hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Namoota Ayyaana Yaadannoorratti Argamaniifi Fedhii Qaban Gargaaraa. Jaarsi tokko haasaadhaan kan dhiheessu si’a ta’u, babal’istoonni namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisan, babal’istoota gumiirraa fagaataniifi keessummoota kaan akkamitti akka gargaaran yaadachiisi. (Tajaajila Mootummaa Bitootessa 2008 ful. 6 ilaali.) Hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi. Hundisaanii dubbisa Macaafa Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo dubbifamu akka dubbisan isaan yaadachiisi.