Torban Hagayya 2 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 2 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
lv boq. 10 key. 1-8
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 1 Mot. 18-20
Lak. 1: 1 Mot. 18:21-29
Lak. 2: Laftiifi Bantiin Waaqaa Kan Darban Karaa Kamiini? (Mul. 21:1)
Lak. 3: Seerawwan Bu’uuraa Macaafa Qulqulluu Gaa’ellikee Gammachuufi Itti Fufiinsa Akka Qabaatu Si Gargaaran (fy ful. 38 saanduqa irra deebii)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Karaawwan Tajaajilakee Bal’ifachuu Itti Dandeessu—Kutaa 4. Haasaa kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu fuula 116, keeyyata 1-4rratti hundaa’ee dhihaatu. Babal’istoonni hojii ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaatan ykn Bet’elitti tajaajilan tokko ykn lama, tajaajila kana maalsaatiin akka jaallatan akka dubbatan gaafannoo godhiif.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Muuxannoowwan Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuudhaan Argaman. Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Guyyaa addaa namoonni qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban afeertanitti wanta gumiin keessan raawwate dubbadhu. Dhaggeeffattoonni muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri. Muuxannoowwan argaman keessaa tokko ykn lama hojiin argisiisaan akka dhihaatan gochuu dandeessa. Guyyuma jalqabaa akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka danda’amu hojiin argisiisaan akka dhihaatu gochuudhaan xumuri.