Torban Fulbaana 20 Jalqabu
TORBAN FULBAANA 20 JALQABU
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: 2 Mot. 19-22
Lak. 1: 2 Mot. 20:1-11
Lak. 2: Garraamii Ta’uu Kan Qabnu Maaliifi? (Mat. 5:5)
Lak. 3: Yihowaan Qulqulluu Akka Taanu Kan Nurraa Barbaadu Maaliifi? (fy ful. 45-9 key. 12-20)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Waggaa Darbetti Maal Raawwanne? Haasaa ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaatu. Wantoota gaggaarii raawwatamanirratti xiyyeeffachuudhaan, sochiiwwan gumichi waggaa darbe tajaajilarratti godhe kaasiitii galateeffadhu. Babal’isaan tokko ykn lama muuxannoo nama jajjabeessuufi tajaajilarratti argatan akka dubbatan gaafadhu. Wanta gumichi waggaa dhufutti fooyyessuu qabu tokko ykn lama dubbadhu; achiis yaada fooyya’iinsa kana gochuuf gargaaru kenni.
Daq. 10: “Qajeelfama Obboloota Walga’ii Tajaajilaarratti Kutaa Dhiheessaniif Kenname.” Haasaa jaarsaan dhihaatu.
Daq. 10: Mucaan Keessan Babal’isaa Akka Ta’u Gargaaraa. Kitaaba Gurmaa’uu jedhamu ful. 82rratti hundaa’ee mareedhaan kan dhihaatu. Warra mucaa babal’isaa hin cuuphamin ta’e qabaniifi fakkeenya ta’aniif gaafannoo godhi. Mucaansaanii babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf ga’umsa akka qabaatu gargaaruu kan danda’an akkamitti?