Gabaasa Tajaajilaa
Amajjiin jiʼa jalqabaa duulli addaa afuraffaan itti jalqabame siʼa taʼu, lakkoofsi haaraan qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu 7,099 galmeeffameera. Hojiin keenya lubbuu namootaa kan baraaru waan taʼeef, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu dabalataa argachuuf carraaqqii goonu itti fufuu qabna. Gatiin xiyyaaraa baayʼee miʼaa taʼus obboloota biyyoota fagoo akka Awustiraaliyaafi Kaaba Ameerikaa dabalatee obboloonni biyyoota saddeetii dhufan, hojii lallabaa keenya deggeruuf iyyata galfachuusaanii arguun keenya baayʼee nu gammachiiseera. Babalʼistoonniifi qajeelchitoonni biyya keenya keessa jiranis obboloota kanaa wajjin ramadamanii tajaajiluunsaanii, yeroo muraasaaf taʼus, ‘Maqedooniyaatti ceʼaniiʼisaan gargaaruunsaanii gammachuu guddaa isaaniif argamsiiseera. (HoE. 16:9) Atoo naannoowwan kana dhaqxee yeroo dheeraadhaaf tajaajiluu dandeessaa?