LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/11 ful. 8
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2011
Tajaajila Mootummaa—2011
km 10/11 ful. 8

Beeksisa

◼ Barreeffamoota raabsaman Onkoloolessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Nama fedhii qabu argannaan, tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu kennuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf yaalaa; Sadaasa: Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha? Birooshura kanaa wajjin ykn bakka birooshura kanaa birooshuroota fuula 32 qabaniifi jiʼa Adoolessaafi Hagayya 2011⁠tti raabsine kamiyyuu raabsuu dandeessu; Muddee: Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti? Ijoollee yoo qabaatan kitaaba Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu akka fudhatan afeeraa; Amajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Guyyaa jalqabaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.

◼ Yeroo Muraasaaf Qajeelchaa Addaa Taʼuu: Qajeelchitoonni, jaarsoliin ykn tajaajiltoonni gumii, duula Amajjiidhaa kaasee hanga Bitootessaatti naannoowwan haaraatti tajaajiluuf godhamurratti hirmaachuu barbaaddan, odeeffannoo armaan gadii barreessitanii karaa koree tajaajilaa gumii keessanii akka ergitan isin gaafanna. Odeeffannoowwan kana guutaa: 1) Maqaa; 2) Guyyaa dhalootaa; 3) Guyyaa itti cuuphamte; 4) Maqaa gumii; 5) Gaaʼela qabaachuufi dhiisuukee; 6) Namni gargaaruu qabdu yoo jiraate; 7) Afaan dubbachuu dandeessu; 8) Tajaajila kanaan itti fufuu barbaaduufi dhiisuukee ibsi. Sanaan booda, koreen tajaajilaa gumichaa obboleessi iyyata dhiheesse kun gaʼeessa taʼuusaarratti yaada kennuudhaan, hanga Onkoloolessa 31, 2011⁠tti nu bira gaʼuu akka dandaʼutti xalayicha gara waajjira dameetti erguu qaba. Lallabdoota hinaaffaa qabaniifi buʼa qabeessa taʼantu barbaachisa. Tajaajilasaarratti cimaa kan taʼe karaa kamiini? Dhugaa Baatuu hinaaffaadhaan manaa gara manaa deemee lallabudhaa? Deddeebii gaaffii gochuutti cimaadhaa? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu qabaa? Akka gaariitti ni barsiisaa? Namni sun gaʼumsa hin qabu taanaan, iyyaticha gara waajjira dameetti erguu isin hin barbaachisu. Kanaa mannaa, murtoo keessan itti himuudhaan gaarummaadhaan gorsa kennaafii.

◼ BARREEFFAMOOTA AMMAS NUU ERGAMAN: Amaariffa: Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii, Namni Jaallattan Yeroo Duʼu; Ingiliffa: Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Isa Hiika Jechootaa Qabu (Rbi-8), Gaayidaansi oov Good, T-24 (Jiisas Kiraayisti—Huu Iiz Hii?); Afaan Oromoo: Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa?, Gammachuu Maatii; Tigriffa: T-22 (Biyya Lafaa Kana Kan Bulchu Eenyu?).

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi