Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gad jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Muddee 26, 2011 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha.
1. Gorsa Fakkeenya 30:32rra jiru hojiirra oolchuun keenya, nama nu aarse caalaatti aarsuurraa of qusachuuf kan nu gargaaru akkamitti? [w87-E 5/15 ful. 30 key. 11]
2. Namni tokko wanta yaade guuttachuuf baayʼee dadhabuunsaa ‘gammachuu’ kan isaaf hin argamsiisne maaliifi? (Lal. 2:1) [g-AM 4/06 ful. 6 key. 1-2]
3. Namoonni tokko tokko yaanni Solomoon Lallaba 3:1-9rratti dubbate ragaa hireetti amanuuf gargaarudha jedhanii kan yaadan taʼus, yaanni Solomoon Lallaba 9:11rra [akka hiika bara 1899tti] jiru wantoonni jireenya keessatti nu mudatan hundi dursee akka hin murteeffamne kan argisiisu akkamitti? [w09-AM 3/1 ful. 4 key. 4]
4. ‘Qajeelaa keessa baʼaa’ taʼuun balaa akkamii qaba? (Lal. 7:16) [w10 10/15 ful. 9 key. 8-9]
5. Yaanni Weedduu Weedduu Caalu 2:7rra jiru namoonni gaaʼela godhachuuf yaadan nama hiriyaa gaaʼelaa isaaniif taʼu filachuuf akka hin ariifanne kan ibsu akkamitti? [w06-AM 11/15 ful. 19 key. 1; w80-E 4/15 ful. 19 key. 7]
6. Waaʼee durba Shulaam ilaachisee “hidhiin kee akka dhaaba dammaa nadhii coccophsa, arraba kee jalaas dammaa fi aannantu yaaʼa” jedhamuunsaa maal argisiisa? (Wed. 4:11) [w06-AM 11/15 ful. 19 key. 6]
7. Maqaawwan ulfinaa “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa” jedhan, waaʼee Yesusiifi amala inni yeroo addunyaa haaraa bulchu argisiisu ilaalchisee maal nu hubachiisu? (Isa. 9:6) [w91-E 4/15 ful. 5 key. 7]
8. Yeroo harʼaatti saba Israaʼel ‘Waaqayyo aarii irraa qabutti’ kan fakkeeffame eenyudha? Yihowaan ishee balleessuuf akka ‘uleetti’ kan itti fayyadamuhoo eenyudha? (Isa. 10:5, 6) [ip-1-AM ful. 145 key. 4, 5; ful. 153 key. 20]
9. Raajiin Isaayaas Baabiloniin ilaalchisee “bara baraan namni ishee keessa hin jiraatu” jedhee dubbate kan nama dinqisiisu maaliifi? Raajiin kun raawwatamuunsaa yeroo harʼaatti amanannaa akkamii akka qabaannu nu godha? (Isa. 13:19, 20) [g-AM 11/07 ful. 9 key. 4, 5]
10. “Gooftummaa [“banaa,” hiika bara 1899] inni ittiin mana Daawit banu” Yesusiif kan kenname yoom ture? Bantuu sana maal gochuuf itti fayyadamaa jira? (Isa. 22:22) [w09 1/15 ful. 31 key. 2]